Libaanos: Musxafaa Adib Ministira Muummee biyyattii ta'uufi

Maxxanfame

Jarmaniitti Ambaasaadarri Lebaanos Musxafaa Adib erga deeggarsa siyaasa olaanaa biyyattii argataniin booda Ministira Mummee biyyattii itti aanu ta'uuf jiru.

Mootummaan Haasan Di'aabittin hoogganamu hokkara dhoohinsa olaanaa magaalaa guddoo Beeruuti keessatti mudateen walqabatee baatii tokkoon dura aangoo gadhiiseera.

Dho'insa keemikaalaa amooniyeen naayitireet jedhamu toonii 2,700 of eegannoo malee buufata magaalattii keessaa kuufamee tureen mudateenis yoo xinnaate namoonni 200 du'aniiru.

Ammaan tanas biyyattiin rakkina maallaqaatiin rakkataa jirti.

Haalli dinagdee kunis lammiilee biyyatti kumaatamaan lakkaa'aman hiyyummaa keessa galchuun mormii motummaa olaanaaf ka'umsa ta'eera.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon guyyaa Wiixataa biyyattii daawwachuun rifoormiin akka barbaachisu hooggantootaaf ni himu jedhamee eegama.

Waa'ee Musxafaa Adib maal beekna?

Adib, gaheessa waggaa 48 yoo ta'an Ambaasaddara Libaanoos ta'un erga bara 2013 kaasee biyya Jarman jiraatu.

Gosa barnootaa saayinsii seeraa fi siyaasaatiin doktarummaa kan qaban yoo ta'an, dursa yunivarsiitiiwwan Lebaanoos keessattiifi biyya Faransaayiitti barsiisaniiru.

Ministira Mummee duraanii Libaanos Naajib Mikaatiif gorsaa turani.

Namoonni kana drua biyyattiif Ministira Mummee turan, Saad Hariirii kan amma Paartii Muslimtoota Sunnii Lebaanoos Warraaqsa Eegeree hoogganan dabalatee, erga namoota hedduu ilaalanii booda Obbo Adib akka deegaran beeksiisaniiru.

Dhumarratti haalli walxaxaaan gara biraa hanga hin mudanneetti, Ambaasaadarichi mariiwwan Wiixataa keessatti karaa ifa ta'een kan filataman fakkaatu.

Irra jireessi miseensota mana maree eenyu ministira mummee akka ta'u qabaatu irratti murtee dabarsuu.

Isaan boodadha kan pirezidanti Mikaa'el Awuun namni sun akka mootummaa haaraa hundeessuuf aangoo kan kennaniif. Adeemsi kunis baatii tokko akka fudhachu danda'u himama.

Hanga bulchiinsi haaraan irratti waliigalamuuttis motummaan Mr Di'aab akka motummaa yerootti biyyatti hooggannu ittuma fufa.

Dabalata dubbifachuuf: