Koronaavaayirasii: Hospitaala Yuunivarsitii Gondaritti hakimoonni 20 ol Covid-19n qabaman

Maxxanfame

Hospitaala Rifaraalaa fi Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsitii Gondaritti hakimoonni lamaa fi leenjitoonni shaakalarra jiran (intern) 20 Covid-19n qabaman.

Akka ragaa BBCn maddeen yuunivarsitichaa irraa argateetti hanga Kibxata darbeetti leenjitoonni 17, Roobii afuurii fi Kamisa ammoo tokko qabamuun walumaagalatti hakimoonni 22 vaayirasichaan qabamamaniiru. Isaan keessaa torba dubartoota.

Kanaan walqabatees hakimoonni leenjitootaa lama hojii akka hin gallee itti himamuu fi Kamisa irraa kaasee hojii akka hin gallee BBCn odeeffateera.

Hakimoonni dhukkubichaan qabamuun itti himamee fi BBCn dubbisees sababii itti vaayirasichaaf saaxilamu danda'an yoo dubbatan, dhukkubsattoonni gara hospitaalichaa dhufan jalqaba kan wal argan isaan waliin ta'u himanii, isaaniin erga ilaalamanii booda gara qorannoowwan biraatti kan ergaman ta'u ibsu.

Kanarraa ka'uunis amantaa adeemsa hojii kanatu vaayirasichaaf nu saaxiluunsaa hin oolle jedhu akka qaban himu.

Kana malees, wayita hojiisaanii raawwataniitti meeshaalee of-eeggannoo dhuunfaa gahaa qabaachuu dhabuunis saaxilamummaa isaanii akka ol kaase himu.

''Maaskiin sarjikaalii fi alkooliin nuuf kennameera. Guyyoota 15n maaskiin 10 nuuf kennama. Maaskii tokko jidduugalaan sa'aatii 24 oliif itti fayyadamna,'' jechuun meeshaalee ittisaa gahaan hakiimoota leenjitootaaf akka hin dhiyaanneef isaan keessaa maqaan akka eeramu kan hin barbaannee tokko BBC'tti himeera.

Hakimoota dubartootaa vaayirasichaan qabaman torba keessaa tokko ishee dabalatee hakimoonni leenjitootaa 22 vaayirasichaan qabamu himtee, haala itti vaayirasichaaf saaxilamuu dandeesse ifatti kan hin beekne ta'u BBCtti himte.

Hospitaalichatti jidduugala wal'aansa dhukkubsattoota Covid-19 keessaa osoo hin taane kutaa tajaajila wal'aansa idilee keessa akka hojjattuu himti.

''Namoonni dhukkubichaan qabamun isaanii osoo hin baramiin dhufan waan jiraniif, tarii vaayirasichaaf kan saaxilamnee haala sanaan ta'u danda'a'' jechuun tilmaamti.

Haa ta'u malee hospitaalicha keessatti maaskii dabalatee hir'inni meeshaalee of-eeggannoo vaayirasichaatiif oolan jiraachu ibsiti.

''Yaroo baay'ee harka kiyya qullaanan hojjadha. Dhukkubsattoonni baay'een akka guwaantii harkaa bitan taasiifna. Kanneen bitachu hin dandeenyee garuu harkuma qullaadhaan wal'aanna. Dirqama kan guwaantii kaawwachuun barbaachisu yoo ta'e ammoo kutaa biraa irraa liqeeffanna,'' jetti.

Hakimoota hanga ammaatti vaayirasichaan qabaman keessaa kan haala cimaa ta'een dhukkubsatan akka hin jirree fi hedduun isaanis mallattoowwan dhukkubbii kan hin qabne ta'u dubbatti.

Sochii dhuunfaa hojiin alatti taasisaniin qabaman

Dhimma kana ilaalchisee BBCn kan dubbise Hospitaala Rifaraalaa fi Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsitii Gondaritti hogganaa olaanaa kan ta'an Dr Ashannaafii Taazabawu, hakimoonni lamaa fi hakiimoonni leenjitootaa 20 vaayirasichaan qabamu isaanii mirkaneessaniiru.

Hakiimoonni leenjitootaa vaayirasichaan qabaman kan jiddugala wal'aansa dhukkubsattoota Covid-19 keessa hojjatan akka hin taanee himaniiru.

Vaayirasichaan qabamu kan danda'an sochii dhuunfaa hojiin alatti taasisanii fi wayita gara iddoowwan garaa garaatti socha'aniitti hir'ina of eegananootiin ta'u akka danda'u dubbatan.

Hir'ina dhiyeessii meeshaalee of-eeggannoo hospitaalichaa ilaalchisee, hakimoonni leenjitootaa kunneen guyyaatti sa'aatii saddeetiif kan hojjatan ta'uu himu.

Hakiimni tokko ji'atti guyyoota 22 hojjata jechuun tilmaamamee guyyaatti maaskiin tokko akka kennamuuf himanii, garuu torbaniitti guyyoota lamaa fi sadii qofaa akka hojjatan dubbatu.

Haa ta'u malee hir'inni meeshaalee of-eeggannoo dhuunfaa (PPE) sadarkaadhuma biyyaattii jiraachuu ibsan Dr Ashannaafiin.

Gama hakimoota leenjitootaa kanneen ilaaluun hospitaalichi karaa bakka bu’aasaanitiin maaskii N-95 jedhamu osoo hin hafne keennaafi jiraachu eeruun kanneen ‘hnuuf hin kennamne’ jedhan yoo jiraatan komii dhiyeeffachu danda’u jedhan.

Hakimoonni leenjitootaa kunneen vaayirasichaan qabaman isaanii bitaa itti galu kan dubbatan Dr Ashannaafiin, hoospitaalaan ala osoo maaskii hin kaawwatiin kan socho’an jiraachu dubbatu.

‘‘Hospitaalichi hakimootaa fi leenjiitoota hedduu qaba. Isan kunneen osoo jidduugala wal'aansa Covid-19 keessa hin hojjannee attamiin qabamu danda’u?’’ jechuun gaafatu.

Itti dabaluunis, hojjattoonni wal'aansa faayyaas ta’ee namni kamiyyuu manaan alatti maaskii godhachuun ofiisaanii fi namoota kaan dhukkubichaaf akka hin saaxilamne ittisuu ni danda’a jedhu Dr Ashannaafiin.

Kana dura hakimii fi hojjataan qulqullinaa jiddugala wal'aansa Covid-19 keessa hojjatan vaayiraasichaan qabamuu isaanii kan hima Dr Ashannaafiin, isaaniin alatti oggeessi biraa vaayirasichaan qabame akka hin jirre ibsan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhuutti kanneen Covid-19 saaxilamtoota ta’an keessaa hojjattoonni wallaansa fayyaa tokko.

Addunyaarratti namoota Covid-19n qabaman keessaa dhibbeentaa 10 kan ta’an hojjattoota wal'aansa fayyaati jedheera.

Itopphiyaatti weerarri vaayirasii kanaa jiraachuun erga mirkanaa’ee booda baatiiwwan jahan keessatti naannoolee biyyatti garaa garaatti hojjattoonni wal'aansa fayyaa dhaabbilee fayyaa keessa hojjatan vaayirasichaan qabamuun isaanii himamaa ture.

Lakkoofsi waliigalaa hakimoota vaayirasichaan qabamanii garuu hin beekamu.