Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Niw Yoork namoota bulchiinsota US saddeet irraa dhufan dirqamaan akka adda of baasan ajajje
Magaalonni US kanneen akka Niw Yoork, Niw Jarsii fi Konneektiikat namoonni bakka weerarri koronaavaayirasii itti hammaaterraa garasaanii imalan guyyoota 14’f akka adda of baasan gaafatan.
Qondaalli Niw Jarsii Filip Marfii keessattuu bulchiinsota US sadii keessatti akkaataa vaayirasichi itti faca’aa ture sodaachisaadha jedhan.
Kutaaleen US garri Kibbaa fi Dhihaa namoonni vaayiraasichaan qabaman dabaluu gabaasaa turan.
Yuunivarsitiin Waashingtan hanga Onkoloolessa dhufuutti lammiileen US 180,000 ta’an dhibee kanaan akka du’an tilmaameera.
Hanga ammaatti US keessatti namoonni miilyoona 2.3 koronaavaayirasiin qabamaniiru, 121,000 kan caalan ammoo vaayirasii kanaan lubbuu dhabaniiru.
Qondaaltonni fayyaa US torbeen dhufu weerara dhibee kanaa hundeesaa gogsuuf yeroo murteessaadha jedhan.
Ameerikaatti Ogeessi dhibeewwan daddarboo Dr Antonii Faawuchi dhibeen kun Kibbaa fi Dhiha biyyattii keessatti yaaddoo uumaa jiraachuu Kibxata darbe paarlaamaa biyyattiif ibsanii tura.
Qondaalli kun lammiileen Ameerikaa seera walirraa hiiquu akka kabajuu qaban gorsan.
‘’Bakki namoonni itti heddummaatan hin dhaqinaa, yoo deemtan ammoo maaskii uffadhaa,’’ jedhan.
Buulchiinsonni US lammiileensaanii akka odda of baasaniif dirqamni irra kaa’ame saddeet Alabaamaa, Kibba Kaarolaayinaa, Kaaba Kaarolaayinaa, Arkansaas, Filooriidaa, Teksaas, Arizonaa fi Utaah ta’uu Bulchaan Magaalaa Niw Yoork Andiriiw Kuwoomo ibsaniiru.
Lammiileen kutaalee kanneen irraa gara kutaalee biroo imalan hundinuu guyyoota 14’f akka adda of baasan gaafatamaniiru.
Namni osoo adda of hin basin hafe maallaqa doolaara 1,000n adabama.
Adabbiin kun hanga doolaara 5,000 deemuu danda’a jedhu kantiibaan kuni.
"Kun murtee ajaayibaati, waan sirriidha," jedhan bulchaan Niw Jarsii Filip Marfii.
Biyyoonni armaan olitti eeraman kanneen lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamanii hedduu qabaniidha.
Lakkoofsa namoota qabamanii 100,000 keessaa hangam akka ta’e ilaalameetu dirqamni adda of baasuu kun irraa kaafama jedhan qondaaltonni US.