Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti qorannoo sa'aatii 24 darbee gaggeeffameen dabalataan namootni 399 Covid-19 qabaman
Itoophiyaatti qorannoo sa'aatii 24 darbe keessa saamuuda 4,848 irratti gaggeefameen namoonni 399 Covid-19n qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiise.
Haaluma kanaanis biyyattii keessatti waliigalatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamamanii 4,469 gaheera.
Namoonni haaraan vaayirasichi irratti argames kan umuriinsaanii waggaa 4 fi 85 jidduutti argamu yoo ta'u, gama saalaatiin ammoo 195 isaanii dhiira yoo ta'an, 204 ammoo dubartoota jedhameera.
Gama lammummaa namoota haaraa vaayirasichi irratti argameetiin ammoo 395 lammii Itoophiyaa yoo ta'an, namni tokko qofti lammii biyya biraati jedhameera.
Namoonni harra qoratamuun vaayirasichi irratti argamee keessaa 135 Yunvarsiittii Siiviil Sarviiss bakka adda baafamuun keessa turan irraa, 132 ammoo bakka turmaataa Dawwalee fi Gaaliilaa irra jedhameera.
Akka ibsa kanaatti, namoota 86 jiraattoota magaalaa Finfinnee, 18 naannoo Amaaraa, 14 Dirree Dhawwa, 9 Oromiyaa, 2 Tigraayi namni tokko Ummattoota Kibbaa, tokko Beenishaanguul Gumuuz fi tokko naannoo Somaalee irra ta'un isaanii himameera.
Kana malees, qorannoo reeffa buufataalee fayyaa keessaafi hawwasa keessatti namoota 22 irratti gaggeefameen saamudi vaayirasiin irratti argame akka hinjirre himameera.
Gama biraatiin ammoo saa'atii 24 darbe keessa namoonni dabalataa 95 dhukkubicharraa fayyuunsaanii kan mirkannaa'ee yoo ta'u, waliigalattis namoonni 1,122 dhibee kanarraa bayyanachuusaanii ibsi Ministeera Fayyaafi Institityuutii Fayyaa Hawwasaatiin harra bahee mulliseerra.
Waliigala kan Finfinnee...
Namoota walumaa galatti biyyattii keessatti koronaavaayirasiin irratti argame 3,759 keessaa 3,074 Finfinneerraa ta'uun isaa ammoo magaalattiin giddu-gala dhibeen kun itti hammaate ta'uu ishee agarsiisa.
Kana jechuun ammoo namoonni Itoophiyaatti hanga ammaatti koronaavaayirasiin irratti argame keessaa %69 ol kan ta'u Finfinnee keessatti ta'uu isaati.
Waliigala kan Oromiyaa...
Naannoo Oromiyaatti qorannoo waliigalaa hanga har'aatti namoota 16,931f taasifameen namoota 230 irratti koronaavaayirasiin argamuun gabaasni Biiroo Fayyaa Oromiyaa ni mul'isa.
Oromiyaatti namoonni dhibee Covid-19n lubbuun darbe 7 yoo t'u, 43 ammoo Dandamataniiru.
Sababii Covid-19 hawaasa keessa galeef lakkoofsi namoota vaayirasiin kun irratti argamuu guyyaa guyyaan garmalee dabalaa jiraachuu Minisiteerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiiseera.
"Itti aansee vaayirasichaan qabamuu kan danda'u anadha, nuhi ykn nama jaalannu ta'uu akka danda'au hubachuun yeroo kamuu caalaa of eeggannoo barbaachisu hunda haa taasifnu,'' jechuun Ministeerri Fayyaa ergaa isaa dhaammateera.
Fayyadama Deeksaametaazoon ilaalchise
Gama biraatiin ammoo qorichi Deeksaametaazoon dhukkubsattoota Covid-19 meeshaa argansuudhaaf gargaaru jala jiraniif kennuun du'aatii dhaqabu malu akka hirrisuu himamuun kan eeree ibsi kun, Itoophiyaanis haaluma oggeessonni fayyaa ajajaniin qoricha kana dhukkubsattoota Covid-19 wallaanuuf hojjiirra akka oolu murteessu himeera.
Haa ta'u malee qorichi Deeksaametaazoon kun Covid-19 ittisuuf kan hintajaajillee waan ta'eef, hajaja oggeessa fayyaa malee fudhachuun dhiibbaa maddee (side effect) qabaachu akka danda'u himameera.
Kanaafu, hasaawaasni ajjaja hakiimaa malee qoricha kana akka hinfudhanneefi dhaabbileen kuusaa qorichaa ykn faarmaasiiwwanis ajjaja malee qoricha kana maamiltootatti akka hingurgurreef cimsuun akeekkachiseera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras