Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Wallagga Bahaatti manguddoon ganna 85 Covid-19n du'an
Wallagga Bahaatti manguddoon ganna 85 koroonaavaayirasiin qabamanii magaalaa Finfinneetti yaalamaa turan du'aan boqatan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Sonaan Dassaaleny akka jedhanitti duuti manguddoo kanaa kalleessa maatii isaaniitti himame.
Koroonaavaayirasiin qabamuun isaanii erga mirkanaa'ee torbanoota lamaaf yaalii irra akka turanis himaniiru.
Manguddoon kun jalqaba dhibee dhiibbaa dhiigaa waan qabaniif yaaliif gara kilinika aanaa Diggaa magaalaa Arjoo Guddattuu deeman.
Kilinikichis dhukkubni isaanii itti cimuu himuun gara hospitaalaa riferaalaa Naqamteetti erga.
Achitti osoo yaalii irra jiranii yommuu qorataman dhibee kanaan qabamuun isaanii hin mirkanoofne.
Haa tahu malee dhukkubni isaanii 'istirookii' tahuun yommuu mirknaa'u yaaliif gara magaalaa Finfinneetti ergaman.
Erga magaalaa Finfinnee gahanii yeroo qorannoon gaggeeffamuuf koroonaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'a.
Yeroo kana namoonni isaan waliin tutuqqaa qaban akka adda bahan tahee maatii fi ogeesonni fayyaa hospitaala riferaalaa Naqamtee fi kilinika magaalaa Arjoo Guddattuu bakka duraan deeman keessa hojjetan 22 adda baafamuun bakka kanaaf yuunivarsiitiin Wallaggaa qopheesse keessa galfamaan.
Hunda isaaniif si'a lama qorannoon taasifameefi hunda isaanii irratti vaayirasichi waan hin argamneef gorsa ogeessaan gara mana isaaniitti akka deebi'an taasifamuu Obbo Sonaan Dassaleny BBCtti himaniiru.
Manguddoon amma lubbuun isaanii darbe ammoo dhukkuba duraan qaban waliin dandamachuuf akka itti cimes himaniiru.
Yaalii isaan dhukkuba isaanii istirookii irraa akka fayyaniif yeroo wal fakkaataatti fudhataa turan qaama isaanii irra miidhaa gahuun akka salphaatti boqatan gochuus hin oolle jedhan.
Dabalataan yuunvarsiitiin Wallaggaa fi giduugala qorannoo koroonaavaayirasii magalaa Naqamatee jiru waliin tahuun wajjirri fayyaa godinichaa namoota aanaa Diggaa naannoo manguddoon kun jiraatan keessa jiran baay'eef qorannoon taasifamee bilisa tahuun isaanii mirkanaa'uu Obbo Sonaan himaniiru.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras