Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Itoophiyaatti namootni haaraan 129 Covid-19’n yoo qabamu, namni tokko lubbuu dhabe
Sa’aatii 24 darban keessatti saamuda namoota 5, 500 qoratame keessaa namoonni 129 Covid-19’n qabamuu Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa hawaasaa ibsa waloon beeksisaniiru.
Kunis lakkoofsa namoota hanga ammaatti qabamanii 1,934’n gaheera.
Qorannoo kanaan kanneen vaayirasichi keessaatti argame keessaa dhiirri 75 dubartiin ammoo 54
Akka gabaasa kanaatti daa’ima ganna tokko nama umurii xiqqaa vaayirasichaan qabame yoo ta’u, maanguddoon ganna 90 keessatti ni argamu.
Namoota kana keessaa 124 lammiilee Itoophiyaa yoo ta''an, kan hafan shan ammoo lammiilee Ameerikaa, Emireetota Arabaa, Eertiraa, Afrikaa Kibbaa fi Sudaan.
Namoota haaraa vaayirasichaan qabaman kana keessaa 101 Finfinnee, shan Oromiyaa, 10 Amaaraa, jaha Somaalee, shan Tigraay fi Naannoo Oromiyaa irraa namoota shan, Harariifi Gaambellaa irraammoo nama tokko tokko ta'un barameera.
Namni lubbuun isaanii darbe maanguddoo ganna 80 magaalaa Finfinnee akka ta’an ibsameera.
Maanguddoon kun rakkoo fayyaa biroof mana yaalaa gahanii sa’aa tokko keessatti lubbuun isaanii darbuunis ibsameera.
Reeffa isaaniirraatti qorannoo gaggeefameeniis vaayirasichaan qabamuun isaanii adda bahe.
Kanaaniis lakkoofsi namoota du’anii 20 gaheera.
Gama kaaniin namootni dhukkuba cimaa keessa jiran 27 ta’uu ibsichi beeksiseera.
Namootni haaraan 19 dhukkuba kanarraa dandamataniiru. Walumaagalttis biyyattii keessatti namoonni dhukkubicha irraa fayyan 281 gahaniiru.
Namootni shan Oromiyaa keessatti vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaahe hunduu seenaa imala biyya alaa kan hin qabneefi hawaasa keessaa ta'uu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa ibseera.
Namni lama Adaamaarraa kan qabaman yoo ta'u sadeen hafan Hoolota, Sulultaafi Shawaa Lixaa irraayi.
Oromiyaan lakkoofsa akka biyyatti 1934 gahe keessaa, 109 galmeessiteetti. Kanneen du'an sadii.