Koronaavaayiras: Finfinnee Addis Katamaatti Covid-19 hammaatu isaaf jiraattonni maal himatu?

Maxxanfame

Weerarri koroonaavaayirasii guyyoota muraasa darban Itoophiyaa keessatti haalaan dabalaa jira. Baay'inaan immoo magaalaa Finfinnee keessatti kan mul'achaa jiru.

Ibsa Biiroon Fayyaa Finfinnee kaleessa baaseen akka hubanetti magaalattii keessa namoonni qorannoon vaayirasichi keessatti argame 1,205 gahaniiru.

Lakkoofsa kana keessaa harki caalu kutaa magaala Addis Katamaafi Lidataatti argamu. Kanaaf akka sababaatti kanneen ka'an ni jiru.

Kutaan magaalaa Addis Katamaa buufata konkolaataa isa guddaa dabalatee gabaa guddaa Afrikaa kan jedhamu Markaatoon keessatti argama.

Naannoo kanatti maaliif vaayirasichi akka babal'ate sababoota ka'an keessaa tokko naannoo daldalaa gatii taheefi imalli biyya alaa addaan otoo hin citiin dura namoonni baay'een Chaayinaafi biyyoota baha gidduugalaarraa deddeebi'uu isaaniiti.

Hojjettuu manaa tahuun qacaramuuf gara biyyoota Arabaa namoonni deeman lakkoofsi isaanii xiqqoo miti.

Naannoo Addis Katamaa kan jiraatu Masfin haalli jireenyaa hawaasa achi jiruu walitti maxxanaa dha jedha.

Obbo Laban immoo kana durallee dhukkuboonni kanneen akka kooleeraa irra deddeebiin mudachuun haala jireenyaa hawaasa kanaa agarsiisa jedhu.

Namni kallattii garaagaraa biyyattiitti imalu lakkoofsaan guddaa tahu asii bahuu, naannoo daldalaa tahuufi lafa xiqqoo irratti namni akka malee baay'achuun sababa isa biraati jedhu.

Namoonni seenaa imalaa hin qabneefi nama vaayirasichaan qabame waliin tuttuqqii hin qabne vaayirasichaan qabamuun isaanii vaayirasichi hawaasa keessa seenuu isaa agarsiisa jedhu ogeessonni fayyaa.

Dabalataan, daldallii qarshii waraqaa taheen waan adeemsifamuuf tuttuqqii harkaaf akka nama saaxilu jiraataa naannoo kanaa kan ta'e Fiqaaduu Darajjee ni dubbata.

''Yeroo ammaa kanatti jiraataan magaalaa Finfinnee marti afaanitti maaskii keewwatee adeema kan jedhu Masfin immoo gama biraan Markaatoo keessa sochiin akkuma durii tahuun koronaan waan jiruyyuu sitti hin fakkaatu,'' jechuun ibsa.

Fiqaaaduun koronaan Itoophiyaa keessatti nama baayyee ijaa hin ajjeefnee natti fakkaata namni akka duraa sana hin sodaatu yaada jedhu qaba.

Tola ooltonni karaa irraa harka si dhiqachiisaa oolan amma akka duraa hin mul'atanis jedha.

Hiriira taaksii, wiirtuu daldalaa fi manneen amantiitti fageenya ofii eeggachuun amma baayyee laafeera.

Haalicha waliin madaquufi warreen hojii dhaabanii turanis hojiitti deebi'aa jiru jedha.