Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dorgommiin kubbaa miilaa Ispeen, Laa Liigaa Waxabajjii 8 eegaluu danda'a
Dorgommiin kubbaa miilaa Laa Liigaa Waxabajjii 8 deggartooti bakka hin jireetti eegaluu danda'a jedhan Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Sancheez.
Torban kana taphattoonni Laa Liigaa 10 ol osoo hin ta'iin shaakala eegalaniiru.
"Ispeen wanta goochu qabdu goootetti amma ammoo nama hundaaf carraan haaraa banameera. Jireenya guyya guyyaatti yeroo itti deebinu eegaleera," jedhan MM Saancheez.
"Waxabajjii 8 irraa eegalee Laa Ligaan ni deebi'a.
Kubbaan miilaa Ispeen hordoftoota hedduu qaba, garuu liigii kana qofa miti boqonnaarraa ka debi'u."
Diviziyoonni Ispeen lammaaffaas yerooma wal fakkaataatti ni eegala jedhamee yaadama.
"Murtoo kanaan gammanneera," jedhan pirizdaantiin liigicha Haviyeer Tebas. "Kun bu'aa hojii gaarii kilaabotaa, taphattootaa, leenjistootaa, Kaawunsilii Biyyaaleessa Ispoortii (CSD)fi bakka bu'ootaati."
"Ta'us garuu of dagachuu hin qabnu, qajeelfamoota fayyaa hordofuun weerarri kun akka hin deebine gochuun barbaachisaadha."
Ispeen keessatti sababa weerara koronaavaayirasiin taphni kubbaa miilaa Bitootessa 12 irratti addaan cite.
Taphattoonni divzsiyoona olaanoo lamaanii jalqaba Caamsaa irraa erga vaayirasichaaf qoratamanii qofa qofatti shaakalatti deebi'aniru.
Diviziyoona olaanoo lamaan keessaa taphatoonni shan vaayirasichaan qabamanii qoofatti adda of baasanii turaniiru.
Gama biraan Pirimeeraa Liigaan Poorchugaal Waxabajjii 3 deebi'ee ni eegala jedhameera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras