Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ambootti ijoolleen haadhaafi abbaa isaanii du'aan dhaban maalirra gahan?
Magaalaa Ambootti ijoollee haadhaafi abbaa akkasumas obboleessa isaaniis du'aan dhabuun jireenya daandiitti bahanii turaniif gargaarsi walitti qabamaa jira.
Ijoolleen kunneen jalqaba abbaa isaanii sababa dhukkubaan du'aan dhaban. Booda rakkoo nageenyaa magaalaa Amboo keesstti mudatee ture irratti obboleessi isaanii ajjeefame.
Haati isaanii jalqaba abbaa warraa waliin rakkachaa turte miidhaan itti baay'ate.
Yeroo ilmi isaanii kun ajjeefamu ammoo inumaa gadda guddaa keessa galan. Maatii jiraachisuunis ulfaataa dhufe. Xumura irratti haati ijoollee kanaas du'aan boqatan.
Osoo hin turiin ammoo ijoolleen durbaa sadan kun waan ittiin jiraatan dhabuun jireenya daandiitti bahan.
Erga seenaan isaanii kun miidiyaa hawwaasaatti bahee namootni baay'een deeggarsa gochaafii turan.