Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanaa Jaarviis: Day Dubartii 'Guyyaa Haadhaa' uumtee booda itti gaabbite
Guyyaa Haadhaa addunyaa Dilbata darbe biyyoota hedduu keessatti yaadatamee ooleef dubartiin sababa taate kabaja baranaa silaa argitee hin gaabbitu turte.
Erga guyyaa kana uumtee booda kabaji guyyaa haadhaa daldalaaf oolfamuu isaatti hedduu gaabbitee turte, kan baranaa laaffifamee kabajame.
Aanaa Jaarvis lammii Ameerikaa jaarraa tokko dura guyyaan haadhaa kabajamuu akka eegaluuf dubartii sababa taatedha.
Aanaan obbolaa 13 keessaa warra lubbuun hafanii umuruu ga'eessummaa gahan afur keessaa tokko.
Warra lubbuun hafan kana keessaa ammoo obboleessa ishee tokko qofatu ijoollee horate. Isaanuu hedduun dhukkuba TBn kan du'an yoo ta'u, namni isarraa dhalate kan dhumaa bara 1980moota keessa boqote.
Qorattoonni 'MyHeritage' fira Aanaa Jaarvis barbaadani kan argatan Elizaabeet Bar qofa.
Elizaabeet firoonni ishee takkaahuu 'Guyyaa Haadhaa' kabajanii akka hin beekne wayita itti himtu qorattoota kanatti ajaa'iba ture.
Sababni maatiin kun guyyaa haadhaa kabajuu dhiisanis kabajaa Aanaa Jaarvisiif qaban irraa kan ka'edha.
Aanaan guyyaan haadhaa ishiin jalqabsiifte kaayyoo ishiin eegalchiifteef irraa maqee fedhii daldalaaf ooluu isaatiin guyyaa kana uumuu isheetti gaabbitee turte jette Elizaabet.
Aanaa Jaarvis yaada guyyaa haadholiin addatti itti yaadataman uumuu kan dhaalte haadha ishiirraa ture.
Aanaan haadholiin ijoollee isaanii akka kunuunsan, isaanis ammoo beekamtii akka argatan bara 1858 hojii adda addaa hojjechaa turte.
Weest Varjiiniyaatti kilabii guyyaa haadhaa hundeessuunis hojjetaa turte.
Waraana waliinii Ameerikaa (1861-1865) irratti dhukkubaan ijoollee ishee sagal akka dhabde kan himamuuf Aanaan haadholiin daa'imman isaanii akka kunuunsan karaa kilabii ummtee kanaa dadammaqsuu itti fufte.
Boodas haadholii ijoollee isaanii sirnaan kunuunfatan, kanneen oolmaa gaarii ijoollee isaaniif oolan akka ulfina argatan guyyaa itti yaadataman akka jiraatu gochuun yaadni haadha isheerraa dhaalte akka galma gahu goote.
Bara 1905 mata duree "Haadha gaarii yeroo kamuu - Haadha kee" jedhuun yoo eegaltu yaadni ishee, namni hundi haadha ofii isaa akka yaadatu ture.
Kanaafi guyyichi afaan ingiliziin baaqqeen 'Mother's Day' ykn Guyyaa Haadhaa malee 'Mothers Day' ykn Guyyaa Haadholii kan hin jedhamneef.
Gaafa kana namni hundi mana haadha isaatti deebi'ee haadha isaa akka yaadatu, akka kabajaa kennuuf ture yaadni Aanaa.
Kanaafis Aanaan Baatii Caamsaa keessa Dilbatni inni lammataa 'Guyyaa Haadhaa' akka ta'u filatte. Guyyaan kun Caamsaa 9 guyyaa haati ishee duutetti waan siquufi.
Aanaan duutee waggoota sadi booda 'Guyyaan Haadhaa' inni jalqabaa Weest Varjiiniyaa Giraaftanitti kabajame.
Bara 1910 kutaan biyyaa Weest Varjiiniyaa, bara 1914 ammoo Ameerikaa guutuun pireezidant Wuudiroo Wiilsan jalatti guyyaa haadhaa ayyaana biyyaalessaa taasisan.
Guyyaan Haadhaa daran akka babal'atu kan taasise erga daldalatti jijjiiramee booda.
Aanaan kana deeggaruu baattus abaaboo, waraqaawwan ergaa baga geessanii ofirraa qaban gurguramuu, sagantaan adda addaas qophaa'uu kan eegale ennasuma ture.
Dhaabbileen gargaarsaas guyyaa haadha kanatti dhimma bahuun haadholii hiyyeeyyii gargaaruuf maallaqa walitti qabuu eegalan.
Kana Aanaan cimsitee balaaleffatte. Yaadni ishee hojii isaan hojjetaniin isaan yaadachuu malee hiyyummaa isaaniif isaan sadaquu hin turre jetti kan seenaa kana qorate Antoliiniin.
Ammoo maallaqni maqaa isaaniin walitti qabame isaan bira gahuu dhabuunis rakkoo ture.
Kana balaaleffachuun Aanaan ibsa baastee namni abaaboo akka hin bitneefi gurgurrellee mormaa turte bara 1920.
Warshaaleen abaaboo sababa guyyaa haadhaatiin gabaan howwiteef Aanaaf maallaqa kennanillee fudhachuu didde.
Hanga dhumaattis 'Guyyaan Haadhaa' daldalaaf oolfamuu mormaa turte.
Ayyaanichi erga ayyaana biyyaalessaa ta'een boodallee 'Guyyaa Haadhaa' ykn 'Mother's Day' kan jedhutti mirga abbeentaa fudhattee warra ittiin daldalu himataa turte.
Kanaafis jecha gariin 'Guyyaa Haadholii' ykn 'Mothers Day' kan jedhutti jijjiiranii fayyadamaa turan.
Bara 1944 yeroo Aanaan ganna 88 taatu, dulloomtee ijaaf gurrillee ishii didee himatni isheen bante 33 gahee ture.
Ergasii booda warshaaleen abaaboo tokko tokko osoo ishiin hin beekiin yaala isheef maallaqa kennaa turuu ragaaleen hin mirkanoofne tokko tokko ni mul'isu.
Aanaan garuu hanga lubbuun jirtuutti 'Guyyaan Haadhaa' daldalaaf akka oolu balaaleffataa turte.