Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasiin ‘akkuma Iboolaa hospitaalatti nama baay’ee ajjeesa’
Namoonni yaala koronaavaayirasiif gara hospitaalaa deemaan akkuma namoota Iboolaan du'anitti achitti du'uu danda'u jedhan qorattoonni UK.
Dhukkubsattoonni tokko sadaffaan hospitaala turan sababa COVID-19 du’uusaanii qorannoon Awuroppaatti taasifamee ni mul’isa.
Dhukkubbichi mallattoo giddu galeessa kan agarsiisu waan ta’eef manatti yaalamuu danda’u qorattoonni garuu namoonni dhukkubbichi hammam hamaa akka ta’e hubachuu qabu jedhu.
Furdinni garmalee, umuriin dabaluu fi dhiira ta’uun carraa du’uu ni dabala akka ragaan hospitaalota 166 Biriitish.
Seenaan fayyaa dhukkubsattoota 17,000 Ingilaand, Weelis fi Iskootilaand qoratameera.
Innis kana agarsiisa:
. %49 baraaramanii hospitaalaa bahaniiru
. %33 kan ta’an du’aniiru
. %17 ammas yaalamaa jiru
“Namoonni muraasni yaada COVID-19 doozii dhukkuba qufaatii oli jedhanii yaadu – dogoggoranii jiru,”piroofeesar Kaalam Seempile Yuunivarsiitii LiivarPuul irraa.
“Namoonni hospitaalatti yaala COVID-19 argataa turan %35-40 kan du’an yoo ta’u kunis immoo namoota hospitaalatti yaala Iboolaa argataa turan walii wal fakkaata.
“Namoonni waan kana qalbiin dhagahuun qabu… dhukkubbini kun baay’ee hamaadha.”
Ta’us garuu namoonni sababa COVID-19 du’an %1 gadidha, kanaaf namoonni baay’een mallattoo giddu galeessa qabu jechuudha.
Du’a ol’aanaa kutaa dhukkubsattoota haalan yaalamaniin alatti
Qorannoonni kun akka mul’isutti dhukkubsattoonni %31 ta’an kutaalee yaala waliigalatti kan du’an yoo ta’u kunis du’a kutaa yaalaa dhukkubsattoota haalan dhukkubsatanii %45’tti ol guddiseera.
Kutaan yaalaa dhukkubsattoota haalan dhukkubsatanii kutaa veentileetarri fi maashinoonni hojii qaama keenya deeggaran jiraniidha.
Dr Annemarie Docherty gorsitu kutaa yaala addaa Yuunivarsiitii Eedinbiraarraa akkas jedhan: “Abdiin baraaramuu xiqqoonillee hin jiru taanan namoota sana gara kutaa yaala sanitti geessuun waan gaarii hojjataarra jedhee hin yaadu.
Yeroo ammaa kanatti hospitaalota UK waliin marii jabaa fi barbaachisaa mari’ataarra jedhee yaada.”
Furdinna garmalee, umuriin dabaluu fi dhiira ta’uun carraa du’uu ni dabala
Biyyoota biroo keessatti COIVID-19 lubbuu manguddoota hedduu dabarseera jedhan qorannoon.
Dabalataanis garaagarummaa dabaluu umurii dhiiraa fi dubartii jidduu jiru ibseera.
Pirof Seempile akkas jedhan: “Umurii hunda keessatti dubartoota caala dhiirota heddutu miidhama akkasumas akkuma umuriin dabalaa deemuun garaagarummaanis bal’achaa deema.”
Balaa sanyummaa walxaxaadha
Namoonni sanyii xixiqqoorraa ta’an hedduunsaanii du’aniiru. Ingilaand keessatti namoonni gurraachi %3.5 yoo ta’an sababa COVID-19 immoo %6 du’aniiru.
Weerarri kun bakkeewwan akka Landan bakka namoonni gosa hedduu jiraatan keessatti hammaateera.
Ragaa hunda ilaaluurra sababoota akka dhukkubbii, furdinna garmalee fi umuriirratti xiyyeeffachaa jiru qorattoonni.
Piroof Seempile akkas jedhan: “Sanyummaa dhiisne waan hunda yeroo ilaallu garaagarummaa bu’aarratti mul’atu hin jiru kanaaf sanyummaan kophaasaa bu’aa argannurratti garaagarummaadhaaf sababa miti jechuudha.
“Bu’aa gad aanaa akka argannu kan taasise haala hawaasummaa namoota gurraachaa fi sanyii birooti.”
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras