Koronaavaayirasii: Awuurooppaan 'giddu-gala weerara kanaa taate'

Maxxanfame

Awuurooppaan vaayirasii addunyaa weeraraa jiru kanaaf giddu-gala haaraa ta'uu Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa beeksisan.

Hawaasa dammaqsuun lubbuu namootaa oolchuuf biyyoonni tarkaanfii jabaa akka fudhatan Dr Tewoodroos Adihaanoom akeekkachiisaniiru.

''Abiddi kun callisee akka gubu hin hayyaminaa'' jedhani.

Dr Tewodroos kana kan jedhan erga biyyoota Awurooppaa namoonni vaayirasichaan qabaman daran dabalaa dhufeen booda dha. Xaaliyaanitti namoonni guyyaatti qabaman lakkoofsa guddaarra ga'eera.

Sa'aatii 24 keessatti namoonni du'an 250 yoo ta'an, waliigalan 1,266 galaafateera. Kanneen vaayirasichaan qabaman 17,660 ga'eera.

Biyyi Xaaliyaanitti aansuun weerara kanaan kan hubamte Ispeen, du'aatiin dhibbeentaa 50'n ol guddachuun lubbuun namootaa darbe Jimaatarra 120 ga'uu beeksiftee jirti.

Ministirri muummee biyyattii Peedroo Saancheez yeroon akeekkachiisaa torban lamaaf turu hojiirra oola jedhaniiru.

Tamsa'ina olaanaa vaayirasii kanaa ittisuuf, daangaawwan biyyoota Awuurooppaa hedduutti to'annoon cimaan taasifamaa jira.

Awuurooppaan maaliif giddu-gala vaayirasichaa jedhamte?

Akka addunyaatti namoonni 132,500 ol biyyoota 123 keessatti vaayirasii kanaan qabamuu gabaasni WHO ibseera.

Lakkofsi namoota du'anii walumaa gala 5,000 ol ta'eera, Dr Tewoodroosis kuni 'suukanneessaa dha' jechuun ibsani.

Awuurooppaan gabaasa lakkoofsa namoota qabamaniin kan addunyaa waliigalaa (Chaayinaa osoo hin dabalatin) caalee waan jiruuf akka ta'e Dr Tewoodroos kan himan.

"Namoonni weerara vaayirasichaan qabaman kan Chaayinaa jirurra ol ka'ee jira'' jedhaniiru.

Biyyoonni Awuurooppaa maal hojjachaa jiru?

''Fayyummaa lammiilee hundaa eeguuf qabeenya mootummaa hunda ni fayyadamna'' kan jedhan Ministira Muummee Ispeen Saancheez dha.

''Sochii namootaa xiqqeessuu, ajaja lubbuu baraaruuf namoota bakkaa sochuusuu, namoonni bakka murtaa'anitti akka walitti hin qabamne dhorkuufi, industirii guyyoota 15 ta'aniif dhaabuuf ni oolas'' jedhani.

''Injifannoon gahee tokkoon tokkoon keenyaarra irratti hundaa'a'' kan jedhan Saancheez ''gootummaan harka dhiqachuufi mana turuudhas'' jedhaniiru.