DR Koongoo: Sirreeffamtoonni mana hidhaa Maakaalaa 17 beelaan dhuman

Madda suuraa, AFP
Mana hidhaa guddaa DR koongoo tokko keessatti hanqina nyaataatiin sirreeffamtoonni 17 du'usaanii dhaabbanni tola ooltummaa tokko beeksise.
Hojjattoonni tola ooltummaa akka jedhaniitti, du'aatiin kunis hirrina nyaataafi qorichaa akkasumas hir'ina qulqullinaatiin kan umameedha.
Manni hidhaa Maakaalaa kan magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaa keesatti argamu kunis baatiiwwan lamaan darbaniif dhiyeessii nyaataa akka hin argatiin maddeen qondaaltota mootummaa himan.
''Baayyee yaachiisaadha! Namoonni guyyaa guyyaan du'aa jiru,'' jechuun qondaalli mana hidhaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko BBC'tti himeera.
Hanqinni nyaataa jira jechuun sirreeffamtoonni 8,000 mana hidhaa kana keessatti argaman hundi nyaataa maatii saaniin dhiyaatuuf irratti hundaa'u jechuudha.
Kana maleess dhaabbatichi baayyina sirreeffamtootaan garmalee guutameemeera.
Kunis kan qabachuu maluun harka shanii oliin qabateera ammaan tana.
Maddee tola oltummaa akka timaamaniitti, namoonni gara 100 ta'an kan biraa ammoo garmalee dhukkubsatanii hanga lubbuusaaniif sodaachisutti ga'aniiru.
Sirreeffamtoota mana hidhaa kana keessatti argaman keessaa kanneen dhibbeentaa 6 ta'an qofaatu itti murtaa'e, kanneen hafan ammoo haala haqaa biyyattii waggootaaf harkifamuun danqamanii jiru jedhameera.
Ministirri itti aanaa Haqaa Dr Kongoo midiyaa biyya keessatti akka himaniitti, Maalaakaa amma haala fooyyeessuuf deegarsa muraasaa argateera.
''Kun dhugaadhaa, haala kanfaltii dhiyeessitii raawwachuun harkifannaan jira. Kun ammoo haala adda cituu dhiyyeessitii mul'isa,'' jechuun ture Silistiyaan Tundaa Ya kasendee AFP'tti kan himan.
Haalli kunis warra mirgaaf falmaniitti dhiyeeteeras jedhaniiru.
Maallaqani dabalataas akka itti eda'amuus waadaa kan galan yoo ta'u, dhaabbilee mira namoomaaf falman garuu haala kana shakkiin akka ilaalan dubbatu.
Du'aatiin namoota 17 mana hidhaa kana keessatti ta'ee kunis dhaabbata 'Bill Clinton Forndation for Peace' jedhamu tokkoon kan gabaafameedha.
bara darbees, haaluma wal fakkaatuun sirreeffamtoonni 40 mana hidhaa biyyaattii kan biraa keessatti baatiiwan 18 keessatti du'unsaan gabaafamee ture.













