Boo'uun faayidaamoo miidhaa qaba?

Daa'ima boossu

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Maxxanfame

Namoonni wanti isaan dhiphisu yeroo jiru boo'anii jennaan wanti isaan dhiphise sun akka isaan gadhiisutti yaadu.

Haata'u malee nama duratti boo'uun ammoo akka dadhabbiitti yaadama.

Qorattoonni dhiheenya dhimma kanarratti qorannoo dhiyeessan yaadni lamanuu dogoggora jedhan.

Gartuun miseensa qorattootaa kun namoonni erga boo'anii booda miirri gaariin akka isaanitti dhaga'amu ykn haalonni dhiphise, bo'iichi akka haala dhiphinasaanii hir'isuuf amanuu danda'u.

Haata'u malee, boo'ichi dhiibbaa ammas gahu qabaatee osoo hin taane, hubannoo dhimma boo'ichaa ilaalchisee qabaniidha.

Hawaasa keessa jiraatan keessatti waanti dhaga'aa guddatan malee addatti homaa dhiibbaa uumu hin qabu.

Kanaaf ammoo Shaarmaafi gartuun qorannoosaanii namoonni boo'icha akkatti hubatan adda baasuuf gaaffii qopheessanii namoota gaafataniiru.

Gaaffiin jalqabaa bo'ichi maal jedhuufi nama duratti wayita boo'an miira isaanitti dhaga'amuu qaba.

Namoonni gaafataman deebii kennan irratti hunda'uudhaan gaaffii dabalataa 40 qopheessan.

Wayita boohan miirri gaariin akka itti dhaga'amu namoota himan keessa kanneen wayita boo'an injifatamuun itti dhaga'amus jiru.

Yaada namoota qorannoo kanarratti hirmaataniirraa ka'uudhaan waa'ee boo'ichaa yaadota sadii akka guduunfaatti kaasaniiru.

Kan jalqabaa, qophaatti boo'uun fayidaa qaba jedhan.

Namoonni dhiphatanii boo'an miirri gaariin akka isaanitti dhaga'amu ibsan.

Lammaffaan, qophaatti boo'uun faayidaa hin qabu jedhu.

Waa rakkadhee addatti boonyaan dhiphinni ittuu natti caalaa, kanaaf nama na barbaachisa jedhu.

Sadaffaan, namoota giddutti boo'uun fayidaa hin qabuu jedhan.

Namoonni yaada kana dhiyeessan ammoo namoota gidduutti wayita boo'an gadaantummaaf salphaachutu natti dhaga'amaa; na taajjabuu kanneen jedhan turan.

Taphattoota boo'an

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessi fayyaa sammuu Raandolf Koorneliyas bara 1885 irraa eegalee waggoota 140'f bu'aa qorannoo barruuleerratti maxxanfaman eeruun akka barreesseetti, lammiileen Ameerikaa harki 94 boo'uun faayidaa qaba jedhanii amanu.

Qorannoo dhimmicharratti gaggeessine namoonni jedhan garuu dhiibbaa kanarraa faallaa ta'e qaba jedhu.

Namoonni wayita boo'an sirumayyuu miira gaarii caala miira hamtuu keessa seenu jedhu.

Bara 2016 qorannoo bahe tokko namoonni boo'icha baayyisan kan hin boonye caala dadhaboofi dorgomtotaa akka hin taanetti fudhatamu.

Namoonni iddoo hojiitti caala maatiifi hiriyootasaanii duratti boo'uu filatu.

Dhiironni osoo boo'anii mul'achuu hin fedhan.

Iddoo hojiitti dubartoonni boo'an waan akka raawwatamuuf barbaadan namoonni akka raawwataniif dirqisiisuuf itti fayyadamuu jedha qorannichi.

Iddoo hojiittis ta'ee dhimmaa hawaasumaarratti dubartoonni boo'an akka dadhabootti lakka'amurras darbee, dhiirootni dhiphatanii boo'anis akka yaada kana kaasanitu himama.

Kun garuu boo'icha wajjin kan walqabatu qofa osoo hin taane dubartootaaf ilaalcha dogoggoraa qabachuurra madda.

Lii Shaarmaan namoonni erga boo'anii booda namoota naannoosaanii jiranitti miirri gaariin akka itti dhaga'amu waan yaadaniif rakkoo keessallee yoo jiru ta'e haala gaarii keessan jira jedhanii dubbatu.

Gartuun qorannoo kun wayita namoonni boo'an miirri itti dhagamu aadaafi hubannoo namootarratti akka hunda'uufi addatti qophasaatti dhiphina hir'isuuf akka hin fayyanne himan.