Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibidda warshaa keessatti ka'een hedduun lubbuu dhaban
Magaalaa guddoo Indiyaa, Niiw Deelhii keessatti ibidda warshaa keessatti ka'een yoo xiqqaate lubbuun namoota 40 ta'anii darbu aanga'oonni himan.
Ibiddi kun gamoo abbaa darbii jahaarratti warshaa boorsaa tokko keessatti halkan kan ka'e yoo ta'u hedduun hojjettootaa hirribarra turan.
Lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka hin oolles lubbuu baraartotni himaniiru.
Ministirri dhimma biyya keessaa Amiit Shaah ''lubbuuwwan qaaqqalii haala gaddisiisuun dhabnee'' jedhan.
Bakki balaan kun itti dhalate kutaa magaalitti isa duriifi manneen walitti sissiiqan itti heddumaataniidha.
Ministirri Muummee biyyattii Naarindiraa Moodi mootummaan gargaarsa barbaachisu hundumaa gochaa akka jiruufi balaa sodaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Ganama kana namootni balaa kanarraa baraaraman 56 hospitaalatti ergamaniiru jechuun Daayireekatirri tajaajila ittisa balaaa Delhii Gaazexaa biyyattii tokkotti himaniiru
Hundi isaanii aaraa ibiddaa kanaan ukkaamfamanii of wallaalanii turaniis jedhaniiru.
Maddii ibidda kanaasa qoratamaa jira.