Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kosmiik Kiriisp: Gosa kuduraa keessaa tokko kan ta'e appiliin haaraan erga ciramee 'waggaa tokko turuu danda'u' argame
Kuduraa keessaa tokko kan ta'e appiliin haaraa erga muka isaarra ciramee booda osoo hin yaratiin 'waggaa tokkoof' turuu danda'u argachuu saayintistoonni Ameerikaa beeksisan.
Qorannoon appilii firiijii keessa waggaa tokkoof osoo hin yaratiin turuu danda'u kun milkaa'uudhaaf waggoota 20 isaanitti fudhate.
Gosti appilii Cosmic Crisp jedhamu kun sanyii gara garaa irraa walitt makuun kan argame yoo ta'u, jalqaba bara 1997 keessa Yunvarsiitii Waashingiteen Isteet ture kan argate.
Qorannoo kana taasisuufis baasii dolaara miliyoona 10 gaafateera.
Qonnaan bultoonni kutaa waashingiteen keessa jiran ammoo addatti gosa appilii kana waggoota kudhan dhufaniif akka misoomsan hayyamameeraa.
"Gosti appilii kanaa baayyee kan caccabuufi xuuxxataadha kan ta'ee miyaawaafi baayyee kan cuunfamudhallee," jedhu ogeettiin Yunvarsiitii Waashingiteen Isteet qorannicha gaggeessaa jiran.
Firiin appilii kanaa suuta akka bilchaatuufi firiijii keessa hangam yoo turellee nyaataaf osoo hin yaratiin sirriitti miyaa'ee nyaatamuu danda'a jetti ogeettiin kun.
Akka qorattuun kun jettutti, osoo waa tokko hin ta'iin ji'oota 10 hanga 12'tti turuu danda'a.
Biqiltuuwan appilii haaraa kun kan miliyoona 12 ol ta'an dhaabamanii kan jiran yoo ta'u qonnaan bultoonni kutaa biyyattii biroon appilii kana akka hin misoomsine sirna seera hayyamaatiin dhorkamaa jiru.
Gosti appilii kanaa jalqabarratti WA38 jechuun kan beekamu yoo ta'u maqaan Cosmic Crisp jedhamu sababiin moggaafameefis appilii diimaa gara gurraachaa kanarratti tuqaaleen a'adiin argaman, urjii alkan samiirraa mul'atan fakkaatayyu.
US keessatti kutaan Waashingiteen appilii dhiyeessuun kan beekamtu yoo ta'u gosti appilii kanaan dura ittiin bekamtu kanneen Goolden Deliishesiifi Reed Deliishees turan.
Gosti appiloota kunneen ammoo dorgommiin gabaan guddaa bakka biraarraa isa mudateera.
US keessatti muuziitti aanee appliin gurgurtaa kuduraadhaan sadarkaa lamaffaadha.