Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ida'amuu ykn maddamar: Kitaabi haaraan MM Abiy Ahmad Keeniyaa galeera
Kitaabi haaraan Ministira Muumee Abiy Ahmad mata duree 'Ida'amuu ykn maddamar' jedhuun barreeffame Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti eebbifameera.
Kitaaba kana imbasii Itoophiyaa Naayiroobii jirutu eebbisiise.
Lammiileen Itoophiyaa Naayiroobii jiraatan, lammiileen Keeniyaa fi dippiloomaatonni biyyoota garaagaraa eebba kitaabichaarratti argamaniiru.
Kitaabni kun hanga ammaatti Afaan Oromoo fi Afaan Amaaratiin waan barreeffameef dippiloomaatonni biyyoota alaa bitanii dubbisuuf carraa hin arganne.
Haata'u malee garuu hojjettoonni waajjira miniteera muummee fi qondaaltonni mootummaa federaalaa Afaan Ingiliziitiin qabiyyee kitaabichaa ibsaa turaniiru.
Kitaabni kun haala amma Itoophiyaa keessa jiru fooyyessuuf qooda olaanaa gumaachuu dubbatan warri ibsa kennan.
Qabiyyeen kitaabichaa yaada qaamolee garaagaraa irraa waan ijaarameef jijjiiramaa qabatamaa fiduuf shoora olaanaa gumaachas jedhaniiru.
Kitaabni kun magaalaa Naayiroobii keessatti akka eebbifamu kan haala mijeessan Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Mallas Alam''Uummanni Keeniyaa ollaa keenya qofa osoo hin taane obboloota keenya. Kanaaf kitaaba kana asitti eebbisiisuu barbaanne'' jedhan.
Rakkoo a,mma biyyattiin keessa galte qolachuuf kitaabni 'Ida'amuu' faayidaa guddaa qaba jedhan Ambaasaaddar Mallas Alam.
Kitaabni kun magaalota Itoophiyaa 13 keessatti tibba darbe eebbifameera.
Itoophiyaan alatti yeroo eebbifamu ammoo Ameerikaatti aanuun Keeniyaan lammaffaadha.
Kitaabni kun magaalaa Naayiroobii keessatti erga eebbifamee booda shilingii 3000 ykn doolaara 30n gurguramaa ture, birrii 890 jechuudha.