Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yoogaa Hindii: Barsiiftuu dinqisiifamtuun V Nanammal umurii 99'tti du'aan boqatan
Maanguddoo Hindii Yoogaa barsiisuun beekamtuu ta'an, V Nanammal, mana jireenyaa saanii bulchiinsa kaaba Taamil Naaduu kan Kombaatoraatti dhiheenyaan argamuutti du'aan addunyaa kanarraa boqataniiru.
Wayita kanattis umuriinsaanii waggaa 99 yoo ta'u, hanga baatii muraasaa darbaniitti barattoota dhibbaan lakkaa'aman barsiisaa turaniiru.
Maanguddoon maatii qonnaan bultoota irraa dhalatan kunis, abbaa isaaniirraa yoogaa akka baratan seenaan isaanii ni hima.
Isaan booda namoota miliyoonaan lakkaa'aman kan yoogaa barsiisanii turan yoo ta'u, isaan keessaayis dhiibbaan kan lakkaa'aman amma addunyaarratti bakkeewwan garaa garaatti yoogaa barsiisaa jiru.
Maqaa masoo ''Akkayyoo Yoogaa'' jedhuun kan beekamaa turan hayyoo Nanammal, kabaja siviloota Hindii isa olaanaa kan ta'e badhaasa ''Padma Shri'' badhaafamaniiru.
Waggoota dhihoo keessas Youtube irratti baayyee beekkamtii argataa kan dhufan yoo ta'u, hanga yeroo dhiyoottu sochiilee qaamaa Yoogaa baayyee cimaa ta'an mallattoo daldalasaanii kan ta'e 'uffata sari haalluu diimadii'n hojjataa turaniiru.
Torban tokko dura garuu sirreerraa waan kufaniif ergasii kaasee nagaa akka hinture, maddeen maatii eeruun dhaabbanni oduu PTI jedhamu tokko gabaaseera.
Bara 2017'tti wayita BBC News dubbiseeniitti, Nanammal fayyina isaanii shaakkallii yoogaa guyyaa guyyaan raawwatan akka gumaacheef himanii ture.
"Fayyaan dhimma dursa kennituufiidha, waanti biraa hundi ni qaqqabama,'' jedhanii ture.