Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saa'udii Arabiyaa: Lammiileen alaa wal hin fuune kutaa ciisichaa hoteelaa kireeffachuu hayyamte
Saa'udii Arabiyaan lammiilee biyya alaa wal-hin fuuneef kutaa ciisichaa hoteelaa kireessuu hayyamte. Kunis qaama viisaa biyyattiin kennituu taheera jedha mootummaan biyyattii
Dubartoonnis kutaa ciisichaa hoteelaa qofaa isaanii kireefatanii turuu hayyamteetti.
Kana dura jaalalleewwan kutaa ciisichaa hoteelaa kireeffachuuf kan wal-fuudhan tahuu mirkaneessuu qabu.
Murtoon kunis tuurizimii biyyattii jajjabeessuuf kan taasifame dha.
Maa fa'itu jijjjiirame?
Kana dura namooti wal-fuudhuu isaanii waraqaa mirkaneessu agarsiisniitu iddoo tokkoo buluu danda'u ture.
''Lammiileen Saa'udii hundi waraqaa eenyummaa maatiifi hariiroo isaanii waan mirkaneessu agarsiisuu qabu, yeroo kutaa ciisichaa hoteelaa kireeffachuuf jedhan'' jedha ibsi Koomishiniin Tuurizimii fi Hambaa Biyyaalessaa Saa'udii
''Kuni garuu tuuristoota biyya alaaf hin gaafatamu. Dubartoota lammiilee Saa'udii dabalatee waraqaa eenyummaa agarsiisnaan hoteela kireeffachuu ni danda'u.
Sirni viisaa haaraa kuni dubartoonnii fuula akka uffisan yoo gaafachuu baateyyuu uffannaa 'sirna qabu' akka uffatana gaafata.
Alkooliin akkuma dhorkametti jiara.
Jijjiiramicha maaltu fide
Biyyi addunyaa kanarraa rincicummaan beekamtu tuuristoota hawwachuuf jecha seerota ishee laaffisaa jirti.
Ilmi mootii Mohaamad Bin Saalmaan jijjiiramoota qabatamoo tahan fidaa jira.
Kunis, dubartoonnii konkolaataa akka oofan hayyamuufi eegduu imaluu akka danda'an dabalata.
Haa tahu malee hojiin isaa kun ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kaashogjiin wal qabatee amanamummaa isaa hir'iseera.