DR Kongoo: Omishtoonni albuudaa 14 sigigoo lafaan du'an

Madda suuraa, Getty Images
Dr Koongootti omishtoonni warqee seeraan alaa magaalaa baha biyyaatti argamtu Kaampeene keessatti sababii sigiggaachu lafaatiin yoo xinnaate namoonni 14 du'u, aanga'oonni himan.
Ministirri Motummaa Stevel Mbikayi akka jedhaniitti namoonni gara biraa sadii ammoo miidhaa cimaan irra gahuun gara hospitaalaatti gaafamaniiru.
Barbaachi namoota dhibamaniis itti fufeera jedhaniiru. Balaan kuni guyyaa Roobii Magaalaa Kaampeeneetti bakka omisha alabuudaatti qaqabee.
Balaan akkasii kun biyyattiitti bakkeewwan of eegannoo gahaan hinjirre, lafa omisha albuudaa seeraan alaatti kan barameedha jedhameera.
Mbikaay tiwiitara irratti akka jedhaniitti duutii guyyaa Roobii qaqabee kuni kan to'atamu danda'u ture.
Mormaan Waldaalee Siviilii Justiin Kyaangaa Asuumaan akka jedhaniitti balichi kan qaqabee bakka seeraan ala albuudni itti omishamu bulchiinsa Maanimaatti naannoo sa'aatii 14:00 (13:00 GMT).
''Daa'immaniifi dubartoota garaatti baatan dabalatee'' namoonni hedduun bakka amma sigigaate kana akka hojjatan himeera.
Waxabajjii keessa wayita biyyatiitti lafti omisha meetiifi kobaaltii mandara Lu'aalaabaatti sigigni lafaa qaqabee tureetti omishtoonni albuudaa hedduun du'unsaanii ni yaadatama.
Kuusaa albuudoota akka kobaaltiifi kanneen akka daayimandii, meetii fi warqee DR Koongoon qabdu ardii Afriikaa keessaa biyya badhaatu kan ishee taasisu ta'uus ummanni biyya ammas hiyyeeyyii warra jedhaman keessa tokkodha.

Bakkeewwan albuudaan badhaadhaniitti omishni albuudaa seeraan alaa baramaadha, garuu yaaliin omisha akkanaa kana dhaabsiisuuf tajaajilawwan nageenyaatiin taasifaman yeroo baayyee bu'aa qabeessa miti.














