Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Dr Abiy Filannoon dhufu 'dimokraatawaafi haqa qabeessa ta'a' jedhan
Filannoon itti aanu haala hin shakisiifneen iftoomaa, dimokraatawaafi haqa qabeessa akka ta'u, Ministirri mummee Dr Abiy Ahimad dubbatan.
MM kana kan dubbatan wayita haasaa sirna mallattoo waliigaltee paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa keessa socho'an waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessanitti ture.
MM itti dabaluunis, "Kana booda ummanni qaama barbaadee filachuuf carraa qaba," jechuun murteen dhumaa kan ummataa ta'uu ibsaniiru.
''Ofii keenyaaf nageenya hin qabnu taanaan attamiin warra kaaniif nagaa buusuu daneenya?'' kan jedhan Dr. Abiy, walitti dhiyaatanii waliin mari'achuun gara fuula duraatti imaluuf murteessa ta'u himaniiru.
Paartileenis filannoon itti aanuu iftooma, bilisaafi haqa qabeessa taasisuuf waliin hojjachuu akkasumas filannoo naannoo baatiiwwan muraasaan booda gaggeefamu haada adeemsa isaaratti waliin mari'achuun murtee walii nama galchiisu irra gahamusaanii dubbataniiru.
Waliin hojjachuuf waliigalticha kan mallatteessan dura taa'aan ODP fi MM biyyattii Dr Abiya Ahimad, Ittaanaa dura ta'aa ODP fi Ministirri Ittisa biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa, Dura ta'aan ABO Obbo Daawuudi Ibsaa, Dura ta'aa OFKO Pirofessar Mararaa Guddinaa, Dura ta'aa Adda Dimokraasummaa Oromoo Obbo Leencoo Lataafi hoggantoonni Oromoiyaa keessa socho'an kan biraas keessatti argamu.
Sirncha irratti haasaaa kan taasisan ministirri mummichaa, paartileen haaluma yeroon gaafatuun siyaasa hubachuun wal balleessuufi wal balaalleefachuu keessa bahuun ''haala ammayyaa'aa ta'een mari'achuun karaa seera qabeessa ta'een kaayyoosaanii gahu qabaatu,'' jechuun dubbatan.
Haala dorgommii filannootiin wal qabatees miidhaafi rakkinni kamiiyyu ummata irra gahuu hinqabaatu kan jedhan Dr Abiy, ''yaada keenya karaa nagaatiin waliin mari'ataa hojjachuu ni dandeenya kan jadhu yaada olaanaadha'' jechuun tarkaanficha dinqisiifataniiru.
Itti dabaluunis, waltajjiin paartile siyaasaa waliin hojjachuuf eegalame kun gara dhaabbilee siyaasaa sadarkaa biyyaaleessaatti socho'uutti ballachuu akka qabaatu cimsuun himaniiru.
Kana malees, gaaffiiwwan waggoota kudhaniin dura ka'aa turan ammas qabatanii dhiyaachuun kan yeroon itti darbeedha kan jedhan MM, ''Ummata akka biyyaatti ittigaafatamummaa olaanaa fudhateef yaada haaraa dhiyeessuun ceesiisuun akka barbaachisuufi naannoo Itpphoiyaa keessatti argamtuutti gahee olaanaa bahuutu nurraa eegama,'' jedhaniiru.
Paartileen kunnenis waliigaltee irra gahaniin qaama paartilee siyaasa Oromoo qindominaan hojjachuuf dandeessisuufi oggantoota bakka tokkootti walitti fidu hundeessuun walitti fidaa giddusaaaniitti umamau qaamuma kanaan fala akka argatu akka taasifamu ibsaniiru.
Walitti bu'insiiwwan wayita ammaatti naannoo oromiyaa keessatti badiinsa lubbuu namootaaf sababii ta'an atattamaan akka dhaabbataniif waamicha taasisaniiru. Paartileenis nageenya buusuuf kan danda'amuuf hunda hojjachuuf akka hojjatan ibsaniiru.