Keenyaa: Konkolaataan galaana Hindiyaatti dhidhimte barbaadamaa jirti

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Keeniyaatti konkolaataan bidiruu meeshaatiin magaalaa qarqara galaanaa Mombaasaarraa fe'amee galaana Hindiyaa osoo qaxaamuruu dhidhimte tokkoo lubbuu namoota sadii galaafachuun akka hin ollee sadaatamaa jira.

Balaan Dilbata qaqabee kunis kan mudate osoo imala galaanarraa Mombaasaa qaxxaamuraa jiru ture.

Viidiiyoon tiwiitara irratti maxxanfame tokkoos haala balaa kanaa mulliseera.

Namni haalicha ijaan arge tokko gaazexaa 'Daily Nation' tti akka dubbateetti, dubartii tokkoofi mucaa wayitu konkolaataa keessa ture.

''Dubartiifi mucaa daa'iimaa tokkoon konkolaaticha keessatti arge. Isheenis iyyaatii gargaarsaaf nama waammachaa turte wayita konkolaatichi garagaluutti.

Anis meeshaa lubbuu baraarsaa kan itti daakanan itti darbadhee,'' jedheera.

Aanga'ootti abbaa taayitaa Bidiiruuwwan Keenyaa barbaachiifi hojiin lubbuu baraarsaa gaggeefamaa jira jedhaniiru.

Gama biraatiin ammoo ergaan tiwiitaraa hojjatoota tajaajila bidiruu keeniyaatiin akkuma konkolaatichi dhidhimuunsaa barameen maxxanfame tokko hawaasa biratti aarii kaaseera.

Ergaa tiwiitti hojjattoota Tajaajilawwan Bidiruu biiyyattii Wiixata ganamaa kunis barbaacha namoota konkolaataa waliin dhidhiman irratti taasifameen haaw haaraan hime hinjiru.

Bakka odeessa imlatootaas, waa'ee hojii bidiruusaa maxxanseera.

Poolisiin biyyatti garuu lakkkoofsi namoota konkolaataa dhidhimtee keessa turan afur ta'usaanii akka himee gaazexaan 'Daily Nation' jedhaniittu himeera.