Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoolleen barumsaa yoo dhaqaniifi yoo galan maal fakkaatu?
Amma yeroonsa kan manni barumsaa itti banamuuf qophiin taasifamaa jiruudha. Baatiin Fulbaanaa jechuudha. Maatiinis ijoollee isaanii mana barumsaatti erguuf qophii taasisuurratti argamu.
Maatiinis yunifoormii/uffata danbii, dabtara, borsaafi kanneen barbaachisa kan biroo guutuun ijoolleekeessan kanneen duraan barataa turaniifi isaa haaraa jalqaban ergu.
Keessumaa maatiin ijoollee isaanii guyyaa jalqabaaf gara mana barumsaatti erganis hunda caalaa daa'imasaanii kunuunsu.
Guyyaa jalqabaa sanatti daa'imtii maal keessa akka olte hubachuu miiraa eeguun waanuma barameedha maatii hedduu biratti.
Tarii ganama yeroo deemaniifi galgala yeroo deeman maal fakkaatu? Jijjiirama akkamiitu irratti argama?
Keessumaa uffanni isaanii, rifeensi isaanii, kopheefi borsaan isaanii ganama maal fakkaata, yeroo manatti galan hoo?
Haadha intala tokkootu intalashee kana ganama yeroo sirriitti itti uwwistee mana barumsaatti ergiteefi yeroo isheen deebitu simatte suura kaasuun walbira qabdee ilaalte.
Haati intala umuriin ishee ganna shan taatee tokkoo suura ganama yeroo intallishee mana barumsaa deemtuufi galgala yeroo isheen galtu argitee taajjabde kaastee toora interneetaarratti gadhiisuun namoota ajaa'ibsiifte.
Suura isheen mana barumsaa durafi mana barumsaan booda jechuun suura intalashee ganama yeroo deemtuufi galgala yeroo galtu kaastee walbira qabdee gadhiiste kun namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman daawwataniiru, waliifis qoodaniiru.
Fuula Feesbuukii irrattis "hedduu kan namoota kofalchiise" ta'eera.
Intala waggaa shanii kun Luusii jedhamti, Reenfirewshaayer Bahaa jiraatti. Ganama mana barumsaa deemuuf manaa osoo hin ba'iin dura "sirriitti qulqulluu taatee bareeddee, iftee" deemuu barbaaddee turte, jetti haati ishee Jiil.
Garuu guyyaa hiriyyootashee waliin taphataa ooltee yeroo deebitu uffanni ishee "kan maraatuu fakkaateera".
Erga gaazexaan naannootti argamu tokko suura intalashee kana fuula isaarratti baasuuf Jiil hayyamtee namoonni 10,000 ol ta'an suurawwan mana barumsaafi booda walbira jiru sana jaallatanii
"Isheen sirriitti mana barumsaa jaallatteetti. Mana barumsaa P2 jedhamu guyyaa jalqabaa deemte, achittis wantota haarawaa argitee hedduu itti gammaddeetti," jetti Jiil.
Jiil WIxata waaree booda yeroo "haala" intalli ishee kun fakkaatu argitutti, Luusiin maal akka hojjetaa oolte gaafatte. "Waan baayyee miti," jette Luusiin ammoo.
"Wanti mana barumsaa sanatti taasifamu gaaridha," jetti Jiil. "Barsiisonni baayyee gaariidha, si'oominaan barsiisuurratti waan hedduuu hojjetu. Barattoota waliin ta'uudhaan gadi bu'anii ahnaga sanaatti ofirraa bu'anii akka taphatan taasisu."
"Intalli koo guyyaa gammachuu addaa dabarsite," jette Jiil.
Jiil yeroo baayyee suura kaafachuu jaallatti, keessatti yeroo ijoolleen ofirraa bu'anii taphatanitti.
"Akka yeroo ani suuran si kaasa jedhu isheen tole naaf hin jenne nan beeka. Sababiin isaas baayyee uffanniifi rifeensi ishee akka malee ta'eera. Isheen yeroo hedduu ammoo qulqulluufi sisirreeffanna jaallatti waan taateef," jechuun ibsiti haati intalaa.
Jiil haadha ijoollee sadii yommuu taatu, yeroo abbaan Luusii oolmaan mana barumsaa guyyaa jalqabaa ishee maal akka fakkaatu gaafatutti ture kan haati warraa isaa kun suura kana ergiteef.
"Waan hedduu nama koflachiisu waan tureef hiriyyoota keenyaafi maatii keenyaaf karaa Feesbuukuu qoqqodnee," jetti Jiil.
Isaan booda ture suurawwan kanneen kan gara Barrhead News jedhamutti ergame. Gaazexaan sunis suurawwan "mana barumsaatti deebi'uu" akka addaatti "jaallatamaa ta'edha.
"Akka inni hedduu qoqqodamuun baballatu tilmaamaniiru jedhee hin yaadu ani," jechuun dubbatti.
Luusiinillee isaan booda "asiifi achi deemtee" "Ooh ilaa ani beekamtuun ta'eem" jechuudhaan namootatti himti jetti hati kun.
"Akkan yaadutti hubachuudhaaf xiqqoo ijoollummaa ni qabaatti jedheen yaada," jetti Jiil.
Kopheen ammoo miila waljijjiireera.
Maatiin hedduun suura mana barumsaa duraafi boodaa arganii deebii kennaniiru.
Intalli dubartii Laawuroo jedhamtu umuriin ishee waggaa afur ta'es mudannoo walfakkaatu akka qabdu dubbatti. Intalli Laawuraa Haarper jedhamtus guyyaa jalqabaa mana barumsaa deemtu "akka malee gammaddeetti"
Guyyaa jalqabaa mana barumsaa isaanitti dhiyoo jiru Broxburn jedham ooltee yero deebitu akka ganama yeroo baatuu hin turre.
Kopheen Harper bitaafi mirgi isaa wal jijjiireera.
"Akkas jedheen ishee gaafadhe, 'kopheen kee ammoo miila waljala darbeera' Isheen garuu ammoo 'maamii har'a guyyaa gammachuu guddaa keessan oole,'" jette Laawuraan.ru.