Amma MP haasaa taasisutti, af-yaa'iin mucaa xuxxoo hoosisan

Maxxanfame

Paarlaamaa Niwuzilaand keessatti haati mucaa hanga haasoftee xumurtuutti af-yaa'iichi mana Maree Tirevor Maallaard mucaa harkaa fuuchuun baatee xuuxxoo hoosiisaniif.

Af-yaa'iin Mana Maree Niwuzilaand mucaa haadha haasaa taasisaa turte harkaa fuudhuun kan sossobanii xuuxxoo hoosisaniif wayita manni marichaa gatii boba'aa irratti marii taasisaa tureetti.

Af-yaa'iin mana marichaa Treevoor Maaraard; mucaa dhiiraa xiqqoo hammatanii xuuxxoo hoosisaa haasaa taasisaa turan.

Daa'imni kunis kan miseensa mana maree nama Taamaatii Koofaayi jedhamuuti.

Namni abbaa mucaa ta'e kunis mucicha dubartii hayyamteef tokko irraa dhalfachuunsaa himameera.

Taamaatii Koofaay; miseensa Mana Maree Niwuzilaand dhiheenya kana boqonnaa abbummaa irraa akka debii'an himameera.

Innis mata duree gatii boba'aa mana marichaatti dhiyaate mormuuf dubbachaa turte.

Af-yaa'iin mana marichaas abbaan mucaa kun yaadasaa qalbiidhaan akka ibsatu gargaaruuf jecha daa'ima harkaa fuudhuun gargaaraa turan.

Haaluma walfakkaatunis, Ministirri Mummee Biyyattii Jaakindaa Ardeern dhiheenya kana mucaa kan godhatte yoo ta'u, baatii Fulbaanaa wayita walgahii UN irratti hirmaachuuf deemte turteetti abbaa warraasheefi mucaaan ishee waliin turan.

Bakkeewwan hojii lafa daa'imaaf mijatu taasisuun amma baayyee beekamaa dhufaa jira.