Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Moqadishoon kantiibaa haaraa muuddatte
Pirezedaantiin Somaaliyaa Mohaammed Abdulaahii Faarmaajoon magaalaa guddoo biyya isaanii Moqaadishootiif kantiibaa haaraa muudaniiru.
Namni pirezedaanti Farmaajoon muudan kun ammoo kan duraan gaggeessaa garee waraanaa turaniifi boodarra ammoo sadarkaa ministeraatti kan mootummaa tajaajilanidha.
Kaantiibaan haaraa mudaman kun bulchaa Naannoo Banaadiiris turan.
Omaar Mohaamud Mohaammed filamuun kantiibaa Moqaadishoo isaan dura turan Abdirhaimaan Omaar Osmaan ajjeefamuun boodadha.
Kantiibaan duraanii kun kan ajjeefamanis ji'a darbe dubartiin isa waliin hojjettu boombii ofirratti dhoosteen ture.
Kantiibaan haaraa kun maqaa masoo Finiish jedhamuun kan beekaman yommuu ta'u, hanga bara 2004 keessa ministira Dhimma Amantaa mootummaa Ce'umsaa Somaaliyaa yeroo sanaa ta'anitti Moqaadishoo keessatti dursaa gartuu waraanaa turan.
Sadarkaa minisitra Dhimma Amantaadhaan ammoo hanga bara 2009tti tajaajilaniiru.
Raadiyoon mootummaa magaalaa Moqaadishootti argamu Mr. Mohaammad kan filatamaniif "muuxannoo" mana mootummaa keessatti qabaniin, akkasumas pirojektiiwwan misoomaas hojiirra oolchuu sababii danda'uuf jechuun Pirezedaanticha eeruun gabaaseera.