Gareeleen Liibiyaa ayyaana Iid al-Adhaaf jecha dhukaasa dhaabuuf wal ta'an

Maxxanfame

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Iid al-Adahaaf jecha guyyoota sadiif waliigaltee dhukaasa dhaabuu qaamoleen wal woraanan irra gahan kana deeggareera.

Sanbata kaleeessaa Bengaaziitti boombiin konkolaattarratti darbatame hojjetoota UN sadii galaafateera.

Waranni kun gara caalu hidhattoota Janaralaa Kaaliid Haftaarii fi mootummaa Liibiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin beekamtii qabu gidduutti gaggeefamaa jira. Waliigalteen kunis qaamoledhuma lamaaan kan giddutti raawwatame.

Waraanni kun Mudde bara kanarraa eegalee dhiyeenya magaala guddoo biyyattii Triipoolitti hammaateera.

Akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti hanga ammaattii waraana kanaan namoonni 1,000 ol ta'an du'aniiru.

Dubbii himaan Janaraal Kaliid Haftaar, Mohaammad al- Mesmaarii waliigaltee kana ''lammiileen Liibiyaa aayyanuma Iidaallee nagaan haa kabajatan jenneeti'' kan waliigallee jedhan.