Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hakiimonni DR Koongoo ajjeechaa hakiimii Iboolaatiin shakkaman qabaman
Hakiimotni Dimookiraatik Riippabiliikii Koongoo sadii ogeessa fayyaa Mootummoota Gamtoomanii ajjeesuun shakkaman to'annoo jala ooluu abbaan alangaa waraanaa biyyattii himeera.
Hakiimiin lammii Kaameeruun Riichaard Moozokooo baatii Eblaa keessa hospitaala Buteemboo iddoo dhukkubsataa Iboolaa wal'aanaa jirutti ajjeefame.
Mootummoonni Gamtoomanii, ''hakiimichi nama hojiisaa jaalatuufi iddoo namoonni gargaarsa barbaadanitti kan qaqqabu ture,'' jedheera.
Haleellaa hakiimota kunneen irratti raawwate sababii maaliin akkaa tahe ifatti hin beekamu.
Bara darbe namootni 1800 sababii vaayirasii Iboolaatiin du'aniiru. Hokkora warri milishaafi ogeessota biyya alaa ija shakkiitiin ilaaluurraan kan ka'e tamsa'ina dhukkubichaa to'achuuf taasifamu guufachaa ture.
Abbaan alangaa gameessi Letanaal Koloneel Baaptiiz Kumbuu, milishaawwan buufatawwan fayyaa haleelan gaafatamaa jiraachuu AFPtti himaniiru.
Hakiimootni sadii himata ''shororkeessummaa'' fi ''yakka korachuun'' seeratti akka dhiyaatan AFPn gabaaseera. Himatamaan arfaffaa garuu ammayyuu hin qabamiin jira.
Weerarri dhukkuba Iboolaa amma Dimookiraatik Riippabiliikii Koongootti dhalate hagayya bara darbe kan jalqabe yoo tahu, vaayirasichi bara 1976 yeroo jalqabaaf erga mul'atee kaasee kuni isa guddaa dha.
Dr Moozokooo ogeessota fayyaa Dhaabbtni Fayyaa Mootummoota Gamtoomanii(WHO) tamsa'ina dhukkubichaa dhaabuuf bobbaase keessaa tokko.
Waa'ilotni isaa nama ogummaa isaa jaalatu fi hakiimotaafi ogeessota dargaggootaa baayyee leenjiseera jedhan.
''Haadha warraafi ijoolleesaa 4 irraa fagaachuun baadiyyaa deemuun hawaasa warra gargaarasa hin arganne baatii tokko keessatti guyyaa 15 hanga 20 dabarsuun tajaajilaa ture jedha ibsi Dhaabbtni Fayyaa Mootummoota Gamtoomanii(WHO)
Awwaalchi ogeessa fayyaa kanaa iddoo angawootni olaanoo fayyaa addunyaa argamanitti raawwate.
Ogeessotni maaliif haleelamu?
Tajaajilonni fayyaa 200 tahan haleelamuun, hojjettoonni fayyaa talaalliifi wal'aansa akka dhaaban taasifameera.
Akka Reuters gabaasetti haleellaa kana raawwachuun wal-qabatee namoonni 54 to'annoo jala jiru.
Qorannoon 2018titti bahe, naannoo Kaaba Kiivuu jedhamtu keessa, waa'ee Iboolaa ''amantee dogoggoraa tamsa'etu jira'' jedha.
Namoota qorannichaaf gaaffii gaafataman afur keessaa tokko Iboolaa waan jedhamu hin jiru jedhanii amanu. Inumaayyuu Iboolaan qarshii argachuuf yookiin naannicha nagaa dhaabsiisuuf waan uumame dha jedhanii amanu.