Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldhabdee Liibiyaa: Haleellaan xiyyaaraa namoota 42 galaafate
Haleellaa xiyyaaraa Kibba- Lixa Liibiyaatti raawwaten yoo xiqqaate namoonni 42 ajjeefamu qondaaltonni Liibiyaa himan.
Ajjeechaan kuni humnoota Janaraal Kaliifaa Hafxaarin akka raawwate qondaaltonni dubbataniiru.
Gabaasaaleen tokko tokko akka jedhanitti, namoonni du'an magaalaa Murzuuq keessatti cidharra turan.
Humnooti Janaraal Hafxaar Baha Liibiyaa kan buufatan yoo ta'u magaalatti irratti gaafa Dilbataa haleellaa raawwachuu malee lammiilee nagaa hin ajjeefne jedhan.
Biyyi Liibiyaa erga bulchaan duraanii Koloneel Mu'aammar Gaadaafii aangoo irraa kaafamani as waldhabdeedhaan jeeqamaa jirti.
Ji'oota hedduuf waraanni mootummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)'tin deeggaramuufi humnoota Koloneel Hafxaar jidduutti taasifamaa jira.
Kunis namoonni 1,000 ol akka ajjeefaman sababa ta'uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gabaasera.
Miidiyaaleen koloneel Hafxaaritt hidhata qaban saba Teebu waraana koloneelichaa faccisan irratti haleellaan akka aggaamame dubbatu.
Humni Koloneel Hafxaar ji'oota muraasa dura magaalaa Murzuq to'achuun Kibba biyyattii boba'aan jiru to'achuuf yaalanis tus booda itti dhiisaniiru.