Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rooba Meeksikoo: Cabbiin meetirs 1.5 furdatu magaalaa Guwaadalahaaraa uwwise
Rooba cimaa cabbii makate booda Meeksikoo magaalaa Guwaadalahaaraatti gandooti sa'a cabbiin uwwifamiiru.
Cabbiin kun iddoo iddootti meetira 1.5 waan furdatuuf konkolaatota walakkaa gaditti awwaaleera.
Magaalaa lammilee miiliyoona 5 qabdu kanatti karaa cuccufame banuuf meeshaaleen daandii hojjetan bobbaafamaniiru.
Aangaa'ooti naanniicha, lolaan mudachuu fi mukeen jiganii akka turan garuu namni midhamee hin jiru jechuun ibsaniiru.
Magaalli kun ho'a teempireechara 30C keessa jirti. Kanaan dura rooba cabbiin magaalaan kun midhamtee turte kan akkana cimuu garuu badaa hin turre.
Magaalaa Guwaadalahaaraafi naannoosheetti manneen 200 barbaada'uufi konkolaatonni hedduun lolaan fudhatamuu Aangaa'ootni beeksisaniiru.
Bulchaan naannichaa Enriikee Alfaro, 'kun waan ajaa'ibaati' jechuun AFPtti himeera.