Jireenya dargaggoota magaalaa Asmaraa

Maxxanfame

Biyyi Afrikaa dargaggoon kan guutamtedha. Magaalaa Asmaraa keessatti garuu dargaggoo caalaa ga'eessonni akka baay'atan hedduun isaanii ni amanu.

Kunis, dargaggoonni jireenya fooyyee qabu barbaacha biyya dhiisanii waan deemaniifi.

Gabaasni bara 2016 bahe akka agarsiisutti dargaggoota biyya isaanii dhiisanii imalan keessaa baay'een isaanii lammiilee Ertiraadha.

Nageenya isaaniif jecha maqaafi sagaleen isaanii akka geeddaramu dargaggoonni nu gaafatan tibbana gara Ertiraa yeroo imalletti fedhii isaaniifi jireenya isaanii nutti himaniiru.