Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sirni owwaalchaa Alii Birraa magaalaa Dirree Dhawaatti raawwate

Artist Alii Birraa hojii artii barri irra hin dabarreen jaarraa walakkaa darban keessa Itoophiyaarra darbee addunyaatti beekameera. Afaanota hedduutiin weellisuun addatti kan beekamu Artist Alii Birraa, dhimma hojiin artii isaa hin kaasne hin jiru jedhu dinqisiifattoonni isaa.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasi kallattii xumurame!

    Tamsaasi waa'ee Artiist Alii Birraa kallattiin isin biraan gahaa turre xumurame.

    Dinqisifattoota isaa maraaf jajjabina hawwina.

    Nagaan bulaa.

  2. Sirni owwaalchaa Alii Birraa magaalaa Dirree Dhawaatti raawwate

    Sirni owwaalchaa Artiist Alii Birraa guyyaa Kibxataa waaree booda magaalaa itti dhalate Dirree Dhawaatti raawwateera.

    Owwaalchis bakka owwaalcha musliimaa Laga Harreetti raawwate.

    Sagantaa kana irratti maatiin, aangawoonni, dinqisifattoonni isaa, abbootiin amantii fi jiraattonni argamaniiru.

    Owwaalcha dura sagantaan isteediyeemii Dirree Dhawaatti qophaa'e akka ture miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Sirna owwaalchaa dura Kibxata ganama sirni gaggeessaa isaa magaalaa Finfinneetti taasifamee ture.

    Achittis namoonni kume hedduutti tilmaamaman bahuun nagaa itti dhaammataniiru.

    Artiist Alii Birraa, ganna 75, waggoota 60 darbaniif walleewwan Afaan Oromoofi afaan kaaniin weellisuun maqaa guddoo horate.

    Dinqisifattoonni isaa mootii muuziqaa Afaan Oromoo jechuun waamu.

    Weellisaan kuni dhukkubbii dheeraa booda Dilbata ture du’uun isaa kan gabaafame.

    • Alii Birraan garuu eenyu?
    • Aliin ija Mohaammud Ahimadiin
  3. Embaasiin Ameerikaa du’aan boqochuu Artist Alii Birraan gadduu ibse

    Embaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ergaa Feesbuukii irratti baaseen lubbuun darbuu Artiist Alii Birraan gadduu ibse. Maatii, hiriyyootaafi deeggartoota isaaf jajjabina hawweera.

    Aliin artistii, ''muuziqaan aadaa fi afaan tokkoon akka hin daangeeffamne agarsiiseera,'' jechuunis himeera.

    Embaasiin UK’illee akkasuma du’a artistii kanaan gadda itti dhagahame fuula Feesbuukii isaa irratti ibseera.

  4. Reenfi Alii Birraa erga irratti salaatamee booda gara Dirree Dhawaatti gaggeeffame

    Artist Alii Birraa amantiisaatiin Muslima waan tureef salaatul janaazaan irratti salaatameera.

    Salaata kana kan gaggeessan Pireezidantii Gumii Dhimmoota Islaamummaaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaadha.

    Salaati reenfa Aliirratti kan taasifame Paarkii Michummaatti yoo ta'u, namoonni sirna gaggeessaarratti argaman haga salaanni xumuramutti eeguun sirni gaggeessaa gara magaalaa dhalootasaa taasifameera.

    Alii Birraa maatii Muslimaa keessa kan dhalate yoo ta'u, fedhii fi dandeettii muuziqaa ijoollummaarraa qaburraa gara muuziqaatti seene.

    Abbaansaa Obbo Mohaamed Muusaa Aliin barnoota Quraanaa (amantii Islaamaa) akka baratee daandii kanarra jiraatu fedhu turan.

    Kanarraa ka'uunis mana barumsaa Quraa'aanaatti galchan.

    Boodarra mana barumsaa mootummaatti wayita galchanis ilmisaa Aliin akka hojii makaanikii hojjetee of jiraachisu fedhaa ture.

    Aliin daandii muuziqaa akka qabatu guddoo fedhuu baatus, garuu fedhii fi dandeettiisaa daangessuus hin fedhu ture.

    Alii Birraa dhiheenya kana hojii muuziqaarratti xiyyeeffataa hin turre, hojii tola ooltummaa fi karaa amantii Islaamaa irra bu'ee akka ture miidiyaa biyya keesaa tokkorratti dubbateera.

    Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa salaata erga gaggeessanii booda yeroo dhumaaf Alii Birraa waliin yaadannoo qaban akkasiin ibsan.

    ''Hospitaalatti gaafachuuf wayitan dhaqu guddoo dhibamee ture.

    Bakka ciisuu ka'uu hin danda'u. Garuu osoo namni dhorkuu sireerraa ka'ee suuraa nu waliin ka'e. Waaqa biratti bakka isin dhaabatan isin waliin dhaabbachuu barbaada jedhee garaa nu rooraase.''

  5. 'Aliin mataansaa Itoophiyaadha, namni akkasaatti afaan hedduun sirbe hin jiru'- Pir. Shimallis

    Pireezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirna gaggeessaa Doktara kabajaa Artist Alii Birraa irratti dhaamsa dabarsaniin, Aliin sagalee obbolummaa ta'uu ibsa.

    ''Wayita Itoophiyaan rakkoo hamaa keessa turte hundaaf nama sagalee ta'eedha, baruma keessa jirru kanallee osoo dhukkubsatuu waa'ee haala biyya keenyaa dhiphataa ture,'' jedhan.

    Aliin ambaasaaddara barnootaa, walabummaa, tokkummaa fi mallattoo jaalala biyyaati jedhan.

    ''Aliin nama dhalooti akka baratu dammaqsee utubeedha.Kanaafuu akkumanni jedhe branottarratti xiyyeeffachuun daandiisaa hordofuu qbna.''

    Aliin qabsaa’aa bilisummaa, tokkummaa fi mirga dhala namaa hundaa ta'uu eeran Pireezidant Shimallis.

    ''Yeroo rakkoo fi gammachuu sagaleesaa kan ta’e ummanni keenya hirkoosaa dhabeera, garuu hojiinsaa nu faana jira,'' jedhan.

    Aliin mataaansaa Itoophyaadha kan jedhan Pireezidant Shimallis, ''artistiin akkasaa afaan kana hundaan hojjete Itoophiyaa keessa hin jiru,'' jedhan.

    ''Jaalalaa fi kabaja hunda ofitti qabuu issarraa barachuu qabna.''

  6. Reenfi Artistii gameessa Oromoo Alii Birraa Paarkii Michummaa ga'eera

    Sirna gaggeessaa mootii muuziqaa Oromoo Artisti Alii Birraa irratti qondaaltota mootummaa federaalaa fi naannolee, aartistooni gameeyyiin, namoonni bebbeekamoo, pireezidaantonni duraanii Oromiyaa fi qondaaltonni duraanii hedduun akkasumas ambaasaaddaroonni argamaniiru.

    Sagantaa gaggeessaa Artist Alii Birraa keessaa kan jalqabaa kan ta'e sirni gaggeessaa Paarkii Michummaa raawwatamaa jira.

    Reenfi Artist Alii Birraa konkolaataa fardaa (saragallaa) dhaan gara iddoo sirni gaggeessaa itti raawwatamuutti geeffameera.

  7. Aliin dandeettii, amala, jaalala, kabaja waan hunda nama bakka tokkotti qabu- Mahmuud Ahmad

    Hiriyaa yeroo dheeraa Alii Birraa kan ta'e Artistii gameessi Mahmuud Ahmad Artist Aliin nama waan hundaan badhaafameedha jedhe.

    ''Aliin nama dandeettii, beekumsa, ogummaa, amala gaarii, kabajaa fi jaalala bakka tokkotti gonfateedha,'' jechuun leellise.

    Kibur Zabanyaa keessa yeroo dheeraaf (waggaa 10 ol) waliin turuu fi isa waliin turuutti kabajaa fi jaalala guddaa akka argate ibse.

    ''Amala toleessaa fi dandeettii addaa nama qabuudha,'' jedhe Artist Mahmuud.

    ''Aliin xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne hunda kabaja.''

    Aliin ollaa mana haadhasaa yeroo dheeraaf jiraataa akka ture kan ibse Artist Mahmuud Ahmad, wayita sana jaalalaa fi kabaja inni agarsiisaa ture yoomuu akka hin daganne ibse.

  8. Aliin biyya ijaare, tokkummaa itiche- Obbo Junaydiin Saadoo

    Pireezidantiin duraanii Oromiyaa Obbo Junaydiin Saadoo nama Alii biyya alaarraa biyyatti deebisuu keessatti qooda olaanaa gumaachaniidha.

    Alii waliin bara 1997 wayita walargan guddoo akka gammadan ibsan.

    Aliin biyyatti deebi'uun mootummaafillee biyyaafillee faayidaa guddaa buuse jedhan.

    ''Aliin mataansaa jaalala, sirbisaa jaalala, biyyaafillee jaalala qabu ibseera.''

    Aliin waan irratti hin weelisne hin qabu kan jedhan Obbo Junaydiin,''Uumama keessaa bishaan, gaara, mukeen, bineensota faarseera,'' jedhan.

    ''Afaan, aadaa, seenaa, biyya ofii sagalee kiiloleesaan faarseea.''

    Aliin biyya ijaare, mallattoo jaalalaa fi tokkummaati jechuunis leellisan.

    Kaayyoonsaa tokkittiin uummanni biyyasaarratti mataa gadi qabatee hin jiraatu kan jedhuudha jedhan.

    ''Uummanni Oromoo mataa olqabatee biyya keessatti ofitti amanummaan akka jiraatu qabsaa'e.''

    Artistii gameessi Itoophiyaa Araggaahinyi Waraash, Alii Birraa hawwattummaansaa kan muuziqaa qofaa osoo hin taane kan waltajjii duubaatu caala jedhe.

    Indastirii muuziqaa biyyattiif nama ga'ee olaana gumaache kan jedhe Araggaahinyi, hojiinsaa barabaraan kan hin moofofnee fi nama hin nuffisiisneedha jechuun leellise.

    Hojiisaarraa yoomuu dhaloonni barataa jiraata jedhe.

  9. Sirni gaggeessaa reeffa Artist Alii Birraa Finfinneetti raawwatamaa jira

    Reenfi isaa mana jireenyaa isaa magaalaa Bishooftuutti argamurraa xiyyaaraan erga Buufata Xiiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee ga’ee booda achirraa gara Paarkii Michummaatti gaggeeffamaa jira.

    Buufata xiyyaaraa irraa gara addababayii masqalaa erga geeffamee booda kabajaan gara paarkii Michummaa imala.

    Sirna gaggeessaa kanarratti qondaaltonni mootummaa federaalaa fi naannoo akkasumas michuuwwan, artistoonni Itoophiyaa fi dinqisiifattoonni Artist Alii Birraa argamaniiru.

  10. ‘Nama miira mijataa waliinii qabu’- Amb. Reediwaan Huseen

    Gorsaan Nageenya biyyaaleessaa MM Abiyii Ambaasaadar Reediwaan husseein du’a Aartisti Alii Birraa dhagahuun gadda olaanaan natti dhagahame jedhan.

    ‘‘Kanneen tabatan kan tabachiisuu, fakkeenyi fi mallattoon aadaa Alii Mahaammad Biirraa du’usaatti gadda olaanaan natti dhagahame’’ jedhan.

    Itti dabaluunis, Aliin ‘‘nama miira mijataa waliinii qabu, gadi fagoofi yoo hubatuun baatame illeen kan jaalatamuufi oggeessaa hin nufamneedha’’ jedhan.

  11. Gaggeessaan Artist Alii Birraa Kibxata borii Finfinneetti raawwatama

    Koreen Biyyaalessaa sirna gaggeessaa Alii Birraa qindeessu sagantaan gaggeessaa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti akka raawwatamu ibseera.

    Akka ibsa koree kanaatti jalqaba bakka mana jireenyaasaa magaalaa Bishooftuutti argamu irraa gara Finfinnee addababayii Michummaatti geeffama.

    Achitti seenaansaa dubbifamee, isa booda Isteediyemiitti irratti salaatama.

    Salaati erga xumuramee booda karaa buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gara magaalaa dhalootasaa Dirree Dhawaatti gaggeeffama.

    Isteediyemii Dirree Dhawaattis erga simannaa fi gaggeessaan gootaa taasifameefii booda, bakka abbaansaa itti awwaalame Laga Harree-iddoo awwaalcha hordoftoota amantii Islaamaatti awwaalama.

  12. ‘Artistiin onnee ummataa keessa barootaaf ture boqate’- Adaanach Abeebee

    Addee Adaanach Abebee, kantiibaan Magaalaa Finfinnee aartistii jaalatamaa fi seenaa aartii Oromoo keessatti onnee ummataa keessa barootaaf mootomee ture boqachuun gaddi itti dhagahamu ibsan.

    Aaddee Adaanach toora miidiyaa hawaasaa isaaniirratti akka barreessaniitti, ‘‘boqachuu Doktara kabajaa Artisti Alii Birraatiin gadda cimaa natti dhagahame maqaa kiyyaa fi bulchiinsa magaalichaatiin ibsadha’’ jedhan.

    Itti dabaluunis, maatii, jaalattootaa fi dinqisiifattoota isaa akkasumas ummata Itoophiyaatiif jajjabina hawwaniiru.

  13. ‘Adeeroon keenya waan Rabbi kenneef hunda nuuf kenneera’- Jawaar Mahaammad

    Faajjii sabboonummaa kan ta’e Aartisti Alii Birraa, walakkaa jaarraa oliif erga ummataasaatiif hojjateen booda boqachuutti gadda itti dhagahame ibseObbo Jawaar Mahaammad.

    ‘‘Adeeroon keenya (obboleessi angafaa) keenya waan Rabbi keneef hunda nuf kenneeras’’ jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse.

    Akkasumas Artisti Aliin ‘‘jireenyasaa guutuu nama kaayyoof jiraatee darbedha. Haata'u malee, jireenyasaa guutuu ummatasaa jaalatuuf malee ofiisaatii heddu hin jiraane,’’ jedheera.

  14. Alii Birraa addunyaa muuziqaa seenuun duratti

    Alii Birraa abbaasaa Obbo Mohammad Muusaafi haadhasaa Aadde Faaxumaa Alii irraa Caamsaa 26, bara 1948 Dirree Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalachuu kitabi seenaa jireenyasaarratti barreeffame ni ibsa.

    Aliin xiqqummaasaarraa dandeettii addaa waliin dhalate, afaanota magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dubbataman Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee, Afaan Hararii fi Afaan Arabaatti afaan hiikkachuuf carraa argate.

    Mana barumsaa madrasaatti barumsa eegale, booda mana barumsaa mootummaatti hanga kutaa ja’aatti barate.

    Abbaa fi haati Alii umrii ijoollummaasaatti walhiikan, abbaan qofaasaa dirqama Alii guddisuu fudhate.

    Haalli kun Aliis ta’e abbaasaa Obbo Mohammad Muusaa guddoo qore.

    Aliin ijoollummaasaatti abbaa fi haadhasaa walbiratti argaa, jaalala lamaansaanii al-takkaa dhandhamaa hin guddanne-garuu guddoo dharra'a.

    Daa'imman hiriyaasaa haadha waliin deeman wayita argu, ''an maaliifan dhabe?'' jedhee of gaafata.

    Aliin kunuunsa abbaasaatti guddoo gammadus, wayita inni hojiif ba'u maatii biraatti kennamuun guddisee isa yaachisa ture.

    Waa'een haadha malee jiraachuus boqonnaa isa dhorke.

    Dhalatee umriisaa waggaa 11 keessatti haadhasaa arguu mitii qabaachuunuu kan bitaa itti galaa ture Aliin, wayita mana barumsaa Qur'aanaatii kutaa afraffaa xumuru sirna qophaa'erratti haatisaa argamteef.

    Guyyaan haadhaan walarge kun seenaasaa keessatti guyyaa guddoo qiliixame ta'uu dubbatee ture Aliin.

    Aadde Faaxumaan (haati Alii) erga eeyyama Obbo Mohammad irraa argattee booda ilmashee maatiisheetiin walbarsiisuuf qabattee gara Funyaan Biraa achiis gara Gafra Guddaa (Gaara Qundhudhoo) deemte.

    Guyyaa muraasa booda Alii Gafra Guddaa, mana Obboleessashee hangafaa-Abdullaahii Alii jedhamuutti dhiistee gara Funyaan Biraatti deebite.

    Magaalaa Dirree Dhawaatii ba'ee kan hin beekne Aliin, sanuu bakka abbaa fi haati isaa hin jirretti baadiyaa keessatti guddoo rakkatee akka ture yaadata.

    Haadhasaa barbaaduuf manaa ba’ee halkan afaan bineensaa bu’ee oole.

    Dubartii karaa deemtu tokkotu Sardiida daggalaa jalaa baraare jedha kitaabi seenaasaarratti barreeffame.

    Aliin maaliif akka deemu erga itti himee booda, haadhasaan akka walbeektu itti himtee fuutee galtee of bira bulchitee ganama gara adaadaasaa Moominaatti deebiste.

    Moominaanis ganamaan gara bakka haatisaa jirtu- Funyaan Biraatti ergite.

    Aliinis haadhasaa waliin osoo guddoo hin turin baasii qabatee gara Dirree Dhawaatti deebi'ee fedhiisaa ganamaa kan ta’e hojii muuziqaa itti fufe.

  15. Aliin wayita sagaleen Oromoo callisiifametti, wayita Afaan Oromoo dubbachuu qaanii itti turettisagalee ummataa ture' Injinar Taakkala Uumaa

    Muziqaa afaan Oromootiin adda duree fi urjii ibsituu dame aaartii kan turte ‘Aartist Alii Birraa biyyooon itti haa salphattu’’ jechuun gaddasaanii ibsatan Injinar Taakkalaa Uumaa.

    Keessattuu Aliin wayita sagaleen Oromoo callisiifameetti, wayita Afaan Oromoo dubbachuu qaanii itti turetti sagalee ummataa ture, jedhan Injinar Taakkalaan.

    Itti dabaluunis Alii Birraa ‘‘aartistii bara jireenyaa isaa itti muuziqaa hojjaataa ture jaarraa walakaadhaaf muuziqaawwan barri irra hin dabarreen kan boqonnaa muuziqaa Itoophiyaa keessatti seenaa barreesseedha. Dhumarratti nun adda bahe’’ jedhan.

    ''Gootichakoo, seenaan kan si hin dagannee fi qabsaa’aa bilisummaakoo nagana boqadhu’’ jedhaniiru ergaa gaddaa miidiyaa hawaasaa irratti barreessaniin.

  16. 'Aliin weellisaa abbaa sagalee kiilolee ta'uu isaa qofa miti kan na raaju, ogeessa warri adii 'genius' ittiin jedhan ta'uus dabalata'

    Ogeessi muuziqaa beekamaan Seertsee Fireesibihaat, ''Aliin weellisaa abbaa sagalee kiilolee ta'uu isaa qofa miti kan na raaju, ogeessa warri adii 'genius' ittiin jedhan ta'uus dabalataa,'' jedha.

    Ogeessi muuziqaa kun Aliin ''weellisaa guddaa muuziqaa beekumsaan, icciitii ishee adda baasee taphateedha,'' jedha.

    Alii Birraa muuziqaawwan isaa ofiin qindeessa, meeshaalee muuziqaa akka Uudii, Gitaara, Kiboordii, Piyaanoo, Akkoordiyooniifi Harmonikaa bareechee taphata jedha Sertseen.

    Hojiilee muuziqaa isaatiin ogeeyyii isa waliin hojjetaniin kan raajjeffatame, muuziqaa kabachiisuun umrii isaa guutuu kan jiraateedhas jedhaan.

    Sersteen ogeessa muuziqaa qoratuu fi xiinxalu yeroo ta'u Afaan Oromoo hin beeku.

    ''Muuziqaa afaan Oromoo, afaanis nu warri hin dubbanneefi hin dhageenye hiika isaa osoo hin gaafatiin miiraan akka dhageenyu kan nu godhe, abbaa oolmaa muuziqaa Oromootis ture'' jedha.

    'Muuziqaan daangaa afaaniifi sababoota kamuu darbuu akka dandeessu beekuuf sirboota Alii qofa caqasuun gahaadha.'' Aliin Istuudiyoo keessattis waltajjii gubbaattis qormaata muuziqaan dhiyeessitu hunda ogeessa guddaa gahumsaan bahateedhas jedhee ibse.

  17. 'Alii Birraa ibsaa hin dhaamnedha'- MM Abiy Ahimad

    Artistii gameessi Itoophiyaa Dr Alii Birraa umurii isaanii ganna 75niin boqachuu hordofee jaalattootnii isaanii fi qondaalonni mootummaas gadda isaanii ibsataa jiru.

    MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed, ''Alii Birraan mootii muuziqaa ta'uu isaatiif ragaan, Qinyiitiiwwan [rukuttaa] muuziqaa hundarratti sirbuu isaati,'' jedhan.

    Gutummaa odeessa kanaa dubbifachuuf kunooti: 'Alii Birraa ibsaa hin dhaamne'

  18. Artiist Alii Birraaf gaggeessaa gootaa gochuuf koreen hundaa'e hojiitti galuu mootummaan naannoo Oromiyaa hime, Artiist Alii Birraaf gaggeessaa gootaa gochuuf koreen hundaa'e hojiitti galuu mootummaan naannoo Oromiyaa hime

    Mootummaan Naannoo Oromiyaa Artiist Alii Birraa kan ganna 74 boqoteef gaggeessaa gootaa gochuuf biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatiin koreen ijaarame hojii eegaluu beeksise.

    Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa gaddaa baaseen ''Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha'' jedheera.

    Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadatas jedheera ibsichi.

  19. Seenaa jireenya artistii gameessa Alii Birraa

    Doktarri Kabajaa artist Alii Birraa walleewwan walabummaa, mirga dhala namaa fi jaalala dhaadhessan kan dhaamsi isaanii dhalootaa dhalootatti darbu, kan yeroon irra hin dabarre danuu nama gumaacheedha.

    Bara cuqursaan sirna mootummaa turetti hojii aartii kan eegale Aliin, sirboota 267 ta'an afaanota ja'aan waraabee akka qabu turtii kanaan dura BBC waliin taasiseen ibseera.

    Gameessi aartii umurii waggaa 75 kun gumaacha aartii keessatti dabarseen, doktireetii kabajaa yuniversitiiwwan Jimmaa fi Dirree Dhawaa kennaniif dabalatee badhaasota biyya keessaa fi idl-addunyaa hedduu argateera.

    Guutuummaa odeessa kanaa argachuuf Gameessi aartii Alii Birraa eenyu?

  20. Attam jirtu hordoftootaa!

    Artistiin gameessi, Alii Birraa kan jaarraa walakkaatii oliif hojiiwwan aartii isaa sadarkaa addunyaatti diniqisifannaa olaanaa argate du'aan boqote.

    Akkuma oduun baqachuunsaa dhagahameen qondaaltoonni mootummaafi leellftoonni isaa gadda gaban ibsachu eegalan.

    Nutis odeessaalee kanaan walqabatan jala buunee gabaasa kallattiin isin biraa gahuu eegalla nu hordofaa!