Boordiin Filannoo Itoophiyaa adeemsi filannoo milkiin xumuramuu ibse
Adeemsa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti Boordiin Filannoo Itoophiyaa ibsa kenneen filannoo kanaan milkaa'uu hime.
Dura teessuun Boordichaa Meelaatwarq Hayiluu boordiin filannoo dursee tuuta hordoffii bobbaasee akka ture ibsan.
Rakkoolee mudatan tokko tokko furuuf buufataaleen filannoo boodatti hafan akka turanis ibsaniiru.
Filannoo alanaarratti uummanni heddummaachuun hiriirri dheeraan akka turee fi ''buufataaleen akka Finfinnee lakkaawwii bulchanii fi amma itti jiran jiru,'' jedhan.
Gambeellaa, Sidaamaa, Amaaraa, Somaaleetti sagalee lakkaawuun ammallee hin xumuramne jedhan.
Iddoowwan kunneenitti hiriirri dheeraan akka turee fi barfatanii akka eegalan himan.
Dura teessuun Boordii Filannoo Filannoo Itoophiyaa kun buufataaleen komiiwwanis keessummeessaa filannoos gaggeessaa akka turan himan.
''Gaaffilee fi dhimmoonni kaan kutaa seeraa fi bilbilaan dhufan jiru. Sirreffama kennaa jirra. Qulqulleessaas jirra.''
Kanneen Finfinnee seenuu hin malle turan kan jedhan dura teessuun kun, ''komiiwwan turan hordofaa turre,'' jedhan.
Yeroo ammaa buufataalee filannoorratti bu’aaleen filannoo maxxanfamaa jiraachuu fi sagalee ida’uun gara naannolee filannootti erguu dhaan qulqulleessuun gara waajjira olaanaatti dabarsuun akka itti fufu ibsan.
Sagantaan Boordiin Filannoo Itoophiyaa baase bu'aan filannoo waliigalaa marsaa torbaffaa ALI Waxabajjii 2, 2018 ni ibsama jedha.
Akkaataa sagantaa boordii filannootti bu'aan filannoo Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 2 ibsamee ni xumurama.