Wayinii Ruunii fi Vaan Daayik ammas tamasaasa kallattiin dubbiin wal tuqan
Liiverpuul akkuma Riyaal Maadiridiin mo'ateen gaazexeesitoonni Amaazon Vaan Daayik waamuun haala taphichaa gaafatan.
Gaazexessaan Gaabii Loogan jedhamu erga Maan Yuunaayitid 2-1 isin mo'ee fooyya'aa jirtu jechuun gaafata.
'Vaan daayik ''amma akkas jedhanii odeessuun salphaadha. Tapha lama wlaitti aansuun waan mo'anneef. Garuu yeroo addunyaa jeequmsaa fi hookkara qabu keessa galtu, haalli siif qajeeluu didu of tasgabbeessuun hojjechuu qabda.
Yeroo Yuunaayitid nu mo'ate yeroon isaa Onkoloolessa. Tapha hedduutu fuuldura keenya jira. Kubba miilaa keessatti yeroo gabaabduu keessatti waan hedduun jijjiramuu, wal jala darbuu danda'a'' jedhe.
Vaan Daayik ''waci alaa dhagahamu guddaadha'' jedhe. Yeroo sana Wayinii Ruunii garee sana keessa jira ture.
Torbee darbe ammoo Ruuniin, Liiverpuul gaggeessaa garii hin qabu jechuun Vaan daayikiin qeeqee ture.
Vaan Daayik yeroo sana xiinxala ''nama dhadhabaati'' jechuun deebiseeraafi.
Kaleessa yeroo dubbii kana dubbatu gaazexessaa sun ''as keessaa nama jechuunii barbaadde jiraa? jedhee ofirra naanna'ee ilaale.
Vaan daayik: ''Lakki, waa'ee mataa ofii gadi qabatanii jabaatanii hojjechuu jechuu barbaadeeni jedhee seeqe. Ruuniidhaan beekumsaa fi hubannaadhaan akka xiinxaluuf ergaa dabarseera.
Wayinii Ruunii ammoo kana caalaa hin dubbadhu. Dubbiidhaan isaan tuqee akka isaan onnatanii mo'atan isaan gargaareera.
Shaampiyoonaa Piriimer Liigii taatee akkamitti walitti aansitee tapha sadii afur mo'amta kan jedhu irraa madde jedhe.
Vaan daayik ammoo carraa dursummaa argateen yeroo akaksii injifannoof isaan dhaqabsiisuu barbaadeeni. Akka mo'ataniifi jedhe.