Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan dhimmitee marii cimaa nu waliin taasisaa jirti- Tiraamp

US humna waraanaa gara Iraanitti siqsuu hordofee Iraan US waliin marii eegalte

Guduunfaa

  • Tiraamp Iraan US waliin marii cimaa eegaluu ibsanis Iraan garuu shaakala waraanaaf qophaa'aa jirti
  • Pirezidaantiin Iraanifi kan Masrii dhimma muddama Washingtanifi Tehraan gidduutti hammaatee irratti mariyatan
  • US, Israa'elifi biyyoonni Awurrooppaa "biyyi keenya akka diigamtuuf namoota kakaasaa turan" - Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US, Israa'elifi biyyoonni Awurrooppaa "biyyi keenya akka diigamtuuf namoota kakaasaa turan" - Iraan

    US, biyyoonni Awurooppafi Israa'el kufaatii diinagdee Iraan fayadamuun hokkorri akka uumamuufi "namoonni biyya keenya akka diiganiif" yaalii godhaniiru jechuun pirezidaanyiin Iraan Pezeshkiyaan komatan.

    Maddi oduu Rooyitars haasaa pirezidaantiin Iraan karaa miidiyaa biyyattii taasisan waabeffachuun akka gabaasetti, US, Israa'elifi biyyoonni Awurooppaa Iraan keessatti jeequmsiifi wal-qqoduun akka uumamu gochuuf mormiin akka ka'u taasisaniiru jechuun ibsan.

    "Wal-qoodinsi akka uumamuufi mormiin akka ka'uuf namoota nagaa kakaasuun hirmaachisaa turan," jedhan pirezidaantiin Iraan.

    Kufaatii diinagdee hordofee mormii uummataa Iraanitti ka'een namoonni 6,000 ol ajjeefamuu ibsamee ture.

    Ministiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii lakkoofsi namoota sababa hiriira sanaan du'anii 3,100 ta'uu ibsuun isaan keessaa 2,000 kan ta'an humnoota nagaa Iraan ta'uu CNNtti himanii ture.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp lakkoofsi namoota hiriira nagaa Iraanitti ajjeefamanii heddu ta'uu hordofee Iraanirratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf itti dhaadachuun humna waraanaa guddaa garas erguun ni yaadatama.

    Muddamni yeroo sana USfi Iraan gidduutti dhalate hammaatee itti fufeera.

  2. Pirezidaantiin Iraan fi Masrii maal irratti mari'atan?

    Muddama Waashingitan fi Tehran jidduutti hammaate hordofuun, preezdaantiin Iraan Masood Pezzekiyaan bilbilaan preezdaantii Masrii Abdel Fattah Al-Sisi waliin mari'ataniiru.

    Akka marsariitiin mootummaa Rippabiliika Islaamaa jedhutti, Pireezidaantiin Iraan Pezzekiyaan pirezidaantii Masriitti akka himanitti, Iraan Ameerikaa waliin waraana eegaluu hin barbaaddu.

    Akka qondaalli biyyattii kun jedhanitti Iraan rakkoowwaan jira kam irrattuu, yeroo hunda waraanaan osoo hin taane karaa dippilomaasii furuuf dursa kenniti.

    Kanaaf waraanni dantaa Iraan, akkasumas kan naannichaa akka hin taane cimsanii dubbataniiru.

    Akka gabaasa kanaatti Pirezidaantiin Masrii Abdulfettaa El- Siisiin dhimma naannichaaf furmaanni waraanaa akka hin taanee mariin furamuu akka qabu dubbatan.

    Kaatar, Turkii, Sa’udii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireet, fi Masri biyyoota naannicha keessatti waldhabdee Iraan fi Ameerikaa jidduu jiru hir’isuuf yaalan keessaa akka ta'e gabaasaleen akan eeran

  3. Tiraamp Iraan US waliin marii cimaa eegaluu ibsanis Iraan garuu shaakala waraanaaf qophaa'aa jirti

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayatollah Ali Khamenei haleellaan kamiyyuu waldhabdee naannoo cimaa akka kaasu akeekkachiisaniiru.

    Tiraamp ammoo Iraan humni waraanaa Ameerikaa naannoo sana buufachuu hordofee ''marii cimaa'' keessa jirti jedhan.

    Itti dabaluunis mariin kun waan 'bu'a qabeessa'' akka ta'u abdii qaban ibsaniiru.

    Qondaalli nageenyaa olaanaa Iraan Alii Laarijaanis bu’uurri marii adeemsifamaa jira jedhan.

    Tiraamp fedhii niwukilaraa Iraan qabduun walqabatee fi mormii farra mootummaa tibbana adeemsifamaa turee Iraan haleeluuf doorsisuun isaanii ni yaadatama.

    “Ameerikaan waraana yoo jalqabde, waraanni sun waraana naannoo sanaa guutuu akka ta’u beekuu qabdi,” jechuun Kahameni kan dubbatan.

    Haleellaa kamiyyuu, lafa irrattis ta'e galaana irratti, ''deebii haaloo ba'uu hamaa ta'e akka kennitu akeekkachiifteetti.

    ''Tiraamp yeroo hunda doonii waraanaa erguun dhaadata... Iraan garuu wantoota kanaan hin sodaachifamtu" jedhan Ayatolan

    Iraan shaakala galaanaa guyyoota lamaaf turu Dilbata kana irraa jalqabdee naannawa bo'oo Hormuz - daandii doonii addunyaaf murteessaa ta'an keessaa tokkoo irratti akka eegaltu ibsameera.

    Boo'oon kun daandii ijoo dhiyeessii boba'aa addunyaa yoo ta'u ulaa dhiphoo bal'inni isaa gara 33km kan Iraanii fi Omaan gidduutti argamudha.

    Iraan kanaan dura yoo haleellaan irra gahe bo'oo kana akka cuftu doorsiftee turte.

    Ameerikaan doonii waraanaa guddaa USS Abraham Lincoln dabalatee humna waraanaa ishee hedduu gara Galoo Galaanaatti bobbaastee jirti.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasi keenya kallattii eegaleera!

    Fuula marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp keenya irraa odeeffannoo waktaawaa biyya keessafi idiladdunya argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!