Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Pirimiyeer Liigii Ingilizii baranaa eenyutu fudhata? Maanchistar Siitiimoo Liivarpuul?
Pirimiyeer Liigiin Ingilizii bara dorgommii 2021/22 guyyaa har'aa xumura argata. Wantoonni ijoo eegaman kunooti.
Waancaa Pirimiyeer Liigichaa eenyutu kaasa? Maanchistar Siitiimoo Liivarpuul? Tootanhaamiifi Arsenaal keessaa eenyutu hirmaannaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa mirkaneeffata?
Kilabii kamitu liigicha keessaa kufee champiyoonshippiitti gad bu'a? Liidsimoo Barnileey?
Taphoota kudhan erga takkaa sa'aatii 12:00 irrati guyyaa har'aa taphatamaniin kan adda bahan taha.
Guyyaan har'aa waggoota kudhan keessatti yeroo duraaf eenyu waancaa akka fudhatu akkasumas eenyu akka gad-bu'uu osoo hin baramiin tapha xumuraa taphatamudha.
Siitiin harka tokkoon waancaa qabateera
Maanchistar Siitiin Liivarpuuliin qabxii tokkicha caaluun gabatee qabxii Pirimiyeer Liigichaa dursa.
Torban darbe Maanchistar Siitiin West Haam waliin taphatee qixa yoo bahu Siitiin immoo Saawuzaampitan injifachuun faana bu'uu itti fufe.
Namoonni baay'ee Siitiin morkii Astoon Viilaa waliin dirree isaarratti qabu injifatee waanchicha kaasa jechuun tilmaamu.
Pirimiyeer Liigicha dursaa kan jiru Siitiin guyyaa xumuraa tapha Pirimiyeer Liigii taphatee mo'ame hin beeku.
Haa ta'u malee, kana qofa osoo hin taane ga'umsi amma kilabichi irratti argamu milkin gara isaanii gorti akka jedhan taasiseera.
Bara dorgommii baranaa tapha 37 taphate keessaa Siitiin taphoota 28 injifateera.
Leenjisaan kilabichaa Peep Gaardiyoolaa tapha Astoon Viilaa kan taphataa duraanii Liivarpulii Siteevan Jeeraardiin leenji'u injifachuu malee filmaata biraa hin qabani.
Peep waancaa kana yoo irra aanan waggoota afur keessatti yeroo afraffaaf kaasu jechuudha.
Kilabiin isaanii kuni dorgommii kubbaa miilaa kaaniin hin milkoofne.
Waancaa FA irrati rukuttaa adabbii xumuraan Liivarpuuliin mo'amee waancaa yoo dhabu tapha Waancaa Chaampiyeens Liigii irraammoo Riiyaal Maadiridiin akka hin taane ta'e.
Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp barana waancaa afur Anfiilditti finna jedhaniiru. Kaaraabaawoofi Waancaa FA galfataniiru.
Amma kan isaan hafu Pirimiyeer Liigii Ingiliziifi Waancaa Chaampiyeens Liigii Awuroppaati.
Taphni Riyaal Maadirid waliin Paarisitti gaggeessan haalaan kan eegamu tahee torban tokkoo qofatu hafe.
Dhimma waancaa afur injifachuu kan gaafataman Yargan Kiloopp dorgommii goonu keessatti dhiibbaan nurra hin jiru jedhaniiru.
Maan Siitin Pirimiyeer Liigicha yoo ol kaase kaayyoo waancaa afur ol kaasuuf qaban jalaa danqa jechuudha.
Liivarpuul Pirimiyeer Liigicha kaasuuf injifachuun qofti gahaa miti. Maaliif jennaan yoo Siitiinis mo'e jalaa fudhata waan ta'ef.
Wanti Liivarpuul barbaadu injifachuufi Siitiin akka mo'amu yookiin qixa bahu eeguudha.
Har'a Liivarpuul dirree ofiirratti Woolvis yoo morkatu qabxii Maan Siitiin Astoon Viilaa waliin taphatu eegaati.
Liivarpuliifi Maanchistar Siitiin bara dorgommii afur darban tokkoffaafi lammaffaa ta'un xumurani.
Tootanhaamimoo Arsenaal ?
Tootanhaam booda kana Barnileey yoo injifatu Arsenaal immoo Niiw Kaasiliin mo'ameera. Kunis, carraa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa irratti akka hirmaatu carraa bal'iseeraaf.
Tootanhaam kilabii Kaaba Landan isa morkatu Arsenaal irraa qabxii lamaan caalee argama.
Gareen Antoniyoo Kontee morkii kilabii liigii gad-aanutti kufuu mirkaneesse Noorwich waliin taasisaniin osoollee qixa bahee Pirimiyeer Liigicha sadarkaa afraffaa qabachuun xumuruu danda'a.
Arsenaal garuu mo'achuu qofatu waancaa Chaampiyeens Liigii bara dhufu akka hirmaatu kan isaaf mirkaneessu.
Yunaayitiid akkam ta'a?
Dhimmi biraa kilabiin kamtu waancaa Yuroppaa Liigii akkasumas eenyu Konfirans Liigii irratti hirmaata kan jedhu hin baramne.
Bara dorgommi mufachiisaa kan dabarsan warri Maanchistar Yunaayitid West Haam qabxii lamaan caalanii sadarkaa jahaffaarra argamu.
Guyyaa har'aa gara dirree Kiristaal Paalaas dhaqanii morkatu.
Waancaa Yurooppaa Liig irratti hirmaachuuf Yunaayitiid injifachuu qaba. Kanaan achi West Haam duraa fudhachuu danda'a.
Kilabiin Deevid Moyeesiin leenji'u West Haam bara dorgommii baranaa Yurooppaa Lig irratti walakkaa maayii gahani deebi'an irra deebiin morkachuu fedhu. Tapha har'aan Biraayitan morkatu.
Kilaboonni kana gadi jiran sadarkaa isaanii tokkoon yoo fooyyessan dabalataan yuuroo miiliyoona sadii argatu.
Fakkeenyaaf osoo Aston Viilaan sadarkaa isaa 14ffaa irraa gara 10'ffaatti fooyyessee yuuroo miiliyoona 12 argata jechaadha.
Liidsimoo Barnileey
Yeroo ammaa Liids, Waatfordiifi Noorwich garee balawaa keessa jiru. Watfordiifi Noorwich gadi bu'uu isaanii mirkaneeffataniiru jechuunis waggaa dhufu Pirimiyeer Liigii gubbaa isaan hin agarru.
Liidsiifi Barnileey qabxii 35 qabu. Garaagartee galchiin garuu Barnileey wayyoo qaba.
Guyyaa har'aa Barnileey dirree isaarratti Niw Kaasil waliin yoo taphatu Liids immoo dirreen ala Bireentiford morkata.
Kophee warqii
Maanchistar Siitiifi Liivarpuul waancaaf qofa osoo hin taane karri eegaa isaanii Endersaniifi Aliisan haguugduu harkaa warqeerraa tolfameefi karra eegaa cimaaf kennamuufi wal morku.
Mohaammad Saalah, Song Heewung-Min fi Kirisitiyaanoo Ronaaldoon immoo kophee warqeef wal falmu.
Liivarpuul irraa Saalah bara dorgommii baranaa 22 galchuun dursa, Taphataan Totinhaam Son immoo 21 galchuun itti aana.
Taphataan Yunaayitid Kiristiyaanoo Ronaaldoon 18 galchuun itti aana.