Waancaa Awurooppaa 2020: Itaaliin rukuttaa penaalitii 3 fi 2'n Ingilaand injifachuun Waancaa Awurooppaa 2020 mo'atte

Maxxanfame

Gareen kubbaa miilaa Ingilaand waggaa 55 booda Waancaa Awurooppaaf ga'ee mo'achuuf hawwii olaanaan eegaa turus garuu hin milkoofne. Itaaliin dirree guddicha Weembilii irratti rukuttaa adabbii 3 fi 2 injifachuun Waancaa Awurooppaa 2020 mo'atteetti.

Galgalli kaleessaa (Dilbati galgalli) erga Adoolessa 30 bara 1966 hamileen Ingilaand cabee as guyyaa itti mataa olqabatan jedhamee hawwiin eegamaa ture.

Taphni jalqabee daqiiqaa 2ffaa irratti taphataan Maanchsiter Yuunaayitid Luuk Shaw Ingilaandiif wayita goolii jalqabaa lakkoofsisu hawwiin warra Ingilaand waan dhugoome fakkaate.

Haata'u malee daqiiqaa 67ffaa irratti taphataan sarara ittisaa Juventas Itaaliif galchii wal qixxeessitu wayita lakkoofsisu, abdiin warra Ingilaand dukkanaa'uu eegale, warri Itaalii ammoo hamilee horatan.

Ingilaand fi Itaaliin yeroo dabalataa waliin daqiiqaa 120 taphatanii, 1 fi 1'n qixa xumuran.

Harii Keen fi Harii Maguire rukuttaa adabbiin galchii yoo lakkoofsisan, Raashfoord, Bukaayoo Saakaa fi Jadon Saanchoon Ingilaandiif goolii hin lakkoofsisiin hafan.

Karra eegaan Itaalii Doonaaruumaan cimina guddaan Itaalii injifannoo gonfachiiseera.

Gama Itaaliin ammoo Domenico Berardi, Bonucci fi Federico Bernardeschi galii yoo galchan, Jorginho fi Andrea Belotti osoo hin galchin hafaniiru.

Taphichi hanga yeroo dabalataatti deemuun rukuttaa peenaaliitidhaan Itaaliin [Xaaliyaan] mo'atte.

Gama kaaniin ammoo taphattoota rukuttaa penaalitii galchuu dadhaban irratti haleellaan jibba sanyummaa irratti raawwatamuun himame.

Keessattuu marsaalee hawaasaarratti haleellaan taphattoota kanarratti qiyyaaffate erga gahe booda, poolisiin qorannoo eegaluu himeera.

Raashfoord, Saakaa fi Saanchoon peenaalitii galchuu dhabuusaniin, arrabsoon jibba sanyummaa kan isaan irra gahe.

Mo'amuun biyyasaanii ''kan nama dhukkubsudha'' kan jedhan leenjisaan Ingilaand Gaaret Saawuzgeet, taphattoonni waan danda'an hunda godhaniiru jedhan.