Qabsoo haati Sa'ud Arabiyaatti danqamte tokko intalashee bilisa baasuuf gochaa jirtu

Maxxanfame

Yeroo baayyee dubartoonni Ameerikaa, UK, Kanaadaa fa'aa dhiiroota biyyoota akka Sa’ud Arabiyaatti heerumuun dhala godhatu.

Garuu dubartoonni biyyoota kanneeniin yeroo gaa’elli diigamutti dhala isaanii Sa’ud Arabiyaa irraa gara biyya ofiitti deebifachuuf akka rakkatan yeroo dubbatan ni dhaga’amu.

Haadholiin Ameerikaa, Kaanaadaa, UK fi biyyoota dhihaa biroo dhiira Sa’ud Arabiyaa irraa erga dhala godhatanii booda addaan bahaanii dhala isaanii Sa’udii keessaa baafachuudhaaf qabsaa’aa jiru.

Dubartiin duula kana gaggeessaa jirtu tokko yeroo hedduu gargaarsa isaan barbaachisu mootummaa ofiirraa hin argannu jetti.

Mudannoo haadha Kaarlii Mooriis jedhamtuu akkas jedha.

Dubartiin Kaarlii Mooriis lammii Ameerikaa taate intalashee waggaa shanii Taalaa jedhamtu waliin yeroo jalqabaaf gara biyya abbaa warraashee duraanii Sa'ud Arabiyaa yeroo gahan hunduu gaarii fakkaata ture.

Abbaan daa'ima kanaa lammii Sa’ud Arabiyaa ta’e kan Kaarlii fuudhe yeroo carraa barnootaa argatee waggaa torbaaf USA keessa ture. Jarri kun erga gaa’elaan waliin turanii booda adda bahan.

Guyyaa tokko ammoo daawwannaa gabaabaaf akka gara Sa’ud Arabiyaa dhaqaxu ishee amansiisee ture.

Warri isaa yeroo jalqabaaf intala ilma isaanii waliin akka wal argan lamaan isaaniif viizaa guyyaa soddomaaf Sa’ud Arabiyaa keessa turan qopheesseef ture.

Kaarlii Sa’ud Arabiyaa qaqqabdee jalqaba hoteela abbaan warraashee duraanii isheefi Taalaaf qabe irratti miirri ishee tuqame.

Kutaan isaanii foddaas ta'e interneetii kan hin qabne ture. Mobaayillishees achitti hin hojjetu. Kaarlii isaan booda waanti hedduu akka ishee dhiphisuu eegale dubbatti.  

"Erga torban tokko tureen booda viizaa bayyaa bahuuf gargaaru eeyyama intalashee [Taalaa] dalagsiisuuf paaspoortii koofi waraqaa ragaa dhaloota koo gaafate.

Wanti inni godhe garuu boodarra gaafan hubadhu lammummaa intalakoo Sa'udiitti jijjiire."

Sa’ud Arabiyaa lammummaa dachaa hin hayyamtu waan taateef yeroo kana irraa kaasee Ameerikaatti dhalattee kan guddatte Taalaan akka lammii Sa'udii qofaatti ilaalamte.

Kana jechuun sirna eegumsa dhiiraa biyyattii jalatti abbaan ishee Sa'udii yoo tole jedhe malee biyyaa bahuu hin dandeessu jechuudha. Kun wanta dhumaa inni raawwate akka ta’e dafee ifa ta’e.

Kaarliin abbaan warraashee duraanii Sa'udii kun ganama ganama dhufee Taalaa gara hoteela qabatanii jiranii dhufee fudhachuu kan jalqabe yoo ta'u, hanga galgalaatti ishee deebisuu akka hin dandeenye dubbatti.

Guyyaa guutuu kutaa hoteelashee kessatti qarshii xiqqoodhaan kophaa ishee haftee qodaa nyaataa inni isheef dhiisu irratti hirkatte.

Dhumarratti, Kaarliin intala isaanii gara fudhattee biyyatti deebiyuudhaaf gara waggaa lamaa erga isa kadhattee dadhabdeen booda miseensota Kongiresii Ameerikaa fi namoota biroo ishee gargaaruu danda'u jettee abdattuuf barreessuu jalqabde.

Kunis abbaa warraashee duraanii kana aarsuu dubbatti Kaarliin.

"Namoota mootummaan ala jiran gargaarsa gaafachaa akkan jiru yeroo argu intala koo ji'a lamaaf fudhatee ugguree ture.

Sababu kanaan inniifi maatiin isaallee mana isaanii baqatan. Yeroo irraa kaastee ture kan inni seeraan akka intalli keenyi eegumsi (namni guddisu) akka ramadamuuf gaafate.”

Adeemsa akka itti gaaftamummaan guddisuu isaaf kennamu dhiyaatan keessatti abbaan kun Taalaa akka dirqamaan butee ugguree of bira kaa’e haaleera.

Kaarliin namoota siyaasaa Ameerikaa irraa deebii ijaaruu tokkollee argachuu erga dadhabdee booda gargaarsaaf gara Waayit Haawusitti barreessite. Ta’us garuu deebii Waayit Haawus irraa hin arganne.

Caalaatti ammoo yeroo Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan baatii Waxabajjii keessa Riyaad daawwatanitti abdiin ishee ni dukkanaa’e. Hojjettoota Imbaasii Amrrikaa Riyaad jirutti irra deddeebiin iyyachuu dabalatee tattaaffiiwwan isheen taasisaa turte fala argamsiisuuf hin dandenye.

Biyya kan jirtu haati Kaarlii Deenis Waayitis waa’ee intalasheefi akkayyoo isheef hedduu dhiphatti rure.  Haati Kaarlii Deeniis sababa humna dinagdeefi siyaasaa Sa’ud Arabiyaarraa kan ka’e  dippilomaatonni Ameerikaa tarkaanfii fudhachuuf fedhii hin qaban jechuudha jettee amanteetti.

Biyyi Galf keessatti boba’aa uumamaan badhaatu taate Sa’ud Arabiyaa yeroo rakkoon qaala’insi boba’aa addunyaa raasaa jiru kanattis qabeenya humna siyaasaa guddaa argamsiisufidha.

Aadde Deenis Waayit mana ishee Kaalifoorniyaa irraa yeroo dubbatan, waggoota sadan darban keessatti Taalaan al tokko mana barumsaa akka hin deemne erga itti himamee booda, intalli intalashee kun barnoota dhabuu isheef baayyee yaaddoo akka qaban dubbatti.

Kaarliin biyya qe'ee ishee irraa fagaattee jirtu keessatti lola eeggumsaa gidduutti qabamuun ishee dhiibbaa xiinsammuu Taala irratti fidu irrattis sodaa qabdu ibsiteetti.

"Yeroo namoonni dhimma hawaasummaaf as dhufan eenyuun akka dubbattu gochuu hin danda'u. Isheen namatti dubbachuuyyu dhiisteetti.  Maatii kootiif viidiyoo hojjechuuf yeroon yaaluttis isheen kaameeraa jalaa dhokatti. Dhuguma waa'ee hawaasummaa ishee yeroo ammaa kanatti yaadda'eera.

Akka ragaan Faawondeeshinii Mirga Namoomaa Ameerikaa keessatti argamu qindeesse  agarsiisutti, Kaarliin haadholii Ameerikaa gara 50 ta’an lammiilee Sa’ud Arabiyaatti erga eerumanii booda ijoollee isaanii Sa’ud Arabiyaa keessaa baasuuf qabsaa’aa jiran keessaa tokkodha.

Haadhotiin kanneen 50'n alatti dabalataan dubartoonni mudannoo walfakkaataa qaban hedduun Kanaadaa, UK fi biyyoota dhihaa biro keessaa jiru.

Hundeessituun Faawundeeshinii Beetaanii Alhaayidaar jedhamu kanaa  ofiisheefuu waggaa lamaaf intala isheef viizaa ittiin ba’an (exit visa) Sa'ud Arabiyaa argachuuf yaaltee turte garuu milkaa'ina hin arganne jetti.

 Baay'een isaanii, salphaatti gargaarsa isaan barbaachisu mootummootaa ofii isaaniirraa hin argatan jettee cimsitee dubbatti.

Imbaasiin Ameerikaa Riyaad jiru BBCtti akka himetti, nageenya lammiilee Ameerikaa ''aantummaa olaanaa'' ministeera dhimma alaa akka ta'eefi Imbaasichi yeroo hunda Kaarlii waliin qunnamtii kan qabuufi mootummaa Sa'udii waliin wal qunnamtii kan qabu ta'uu ibseera.

Qabsoo mana-murtii yeroo dheeraa booda Kaarliin dhumarratti mirgi Taalaa guddufachuu kennameeaaf, garuu magaalaa Sa'udii keessatti kutaa keessa jirtu keessaa akka hin baane itti himame.

Maallaqa mataa ishee osoo hin qaabaatiin keenyan kutaa manattii keessa jiraattuu keessatti nama dhaabiitti hidhamte taatee akka jiraattu dubbatte.

"Yeroo sanatti waggaa lamaaf osoon gadi hin ba’iin mana keessatti ukkaamameen ture. Guyyaa guutuu hoteela kana keessa taa'aan oola. Namni tokkollee fuula koo hin argine... namni tokkollee balbala koo hin rukunne".

Erga dhimma kana irratti dubbatee kaasee Kaarlii aanga'oota Sa'udiitiin ''seeraafi safuu ummataa jeeqxe" jechuun himatu. Abbaan alangaa biyyattiis akka adabbiitti akka hidhamtuuf gaafateera. 

Yaaddoo haaraa kana caalus kan biraas ishee mudachaa jira. Osoo abbaa warraa ishee duraanii kana waliin wal hin argin dura Kaarliin Islaamummaa fudhattee turte. Ergasii amantiin ishee gonkumaa akka hin raafamne cimsitee dubbatti.

Garuu erga mirgi intalashee guddisuu irraa fudhatamee booda falmattee deebifatteen booda abbiyyuun ishee (abbaan abbaa warraa ishee) amantii ishee balaaleffachuufi Sa'ud Arabiyaa fi Muslimoota hunda arrabsite jechuun ifatti himate.

Ammallee intala ishee gara manaatti deebisuu waan hin dandeenyeef amma murtii du'aa itti murtaa'uu danda'a, garuu komachuu baay'ee ofirratti kaa'a.

“Akeekkachiifameen ture. Namoonni baay'een akkan biyya sana hin seenne natti himanii ture. Yoo seente garuu intalli kee gonkumaa hin deebitu. Anis akeekkachiisa kana hin dhaggeeffanne... waggaa sadii boodas kunoo haala kana keessan as jira."

Aanga'oonni Sa'udiifi abbaan warraa duraanii Kaarlii yaada akka kennan gaafatamanii hanga ammaatti deebii hin kennine.