Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tilmaama Piriimer Liigii: Arsenaalii fi Tootanhaam keessaa eenyutu mo'ata? Tilmaamni taphoota kaanii hoo?
Arsenaal taphoota darban 17 dirree Tootanhaam irratti taphate keessaa tokko qofa mo'ate. Dorgommiin kilaboota kaaba Landan lameen gidduutti Dilbata kana taphatamu garuu seenaa kana jijjiiruu danda'a.
Tapha Piriimer Liigii Ingilizii bara kanaa torbee ja'affaasaa qabateen kan Arsenaal fi Tootanhaam dabalatee taphoonni akkaan eegaman hedduudha.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suuton taphoota kunneen ilaalchisuun qabxiiwwan argamuu danda'an irratti tilmaamasaa akkanaan kaa'eera.
Taphoota Sambataa
Kiristaal Paalaas fi Fulhaam
Kilaboonni kunneen bara taphaa kana haala walfakkaatuun deemaa jiru. Lamaanuu yeroo lama mo'anii, yeroo lama mo'aniiru. Yeroo tokko ammoo qixa bahan.
Kanaafidha taphi kun walqixa kan xumuramuuf jedha Suuton.
Tilmaama: 1-1
Luuton fi Woolvis
Luuton barana Piriimer Liigiitti guddate, tapha takkallee taatu mo'achuu kajeela. Qabxiin tapha takkarraa argamtu isaaf laayyoo miti.
Waalvis ammoo akkaataan itti tapha baranaa eegalan mishaa miti. Torbee darbe goolii tokko Liivarpuul irratti galchanii turan, garuu ni mo'aman.
Luuton tapha kanarraa waa argachuuf haga fedhe yoo cichee taphatellee Woolvis gargaarummaa dhiphaa ta'een ni mo'ata jedhe Suuton.
Tilmaama: 0-1
Maanchistar Siitii fi Nootiingihaam Foorest
Gareen Maanchistar Siitii taphattoota hedduu miidhamaan dhabus, Peep Gaardiyoolaan tooftaa taphaa isaanii jijjiiruun ni taphatu jedhee amana Suuton.
Taphataan kilabichi dhiheenya mallatteessifate Jeremii Dookuu tapha darberratti Westi Haam irratti goolii lakkoofsisuun alattiyyuu taphaanis kilabichaaf guddoo gumaacheera.
Siitiin Westi Haama waliinis ta'e tapha Chaampiyensi Liigii Reed Istaar Beelgireed waliin taphaterratti jalqaba durfamus qabxii argachuurraa isa hin dhorkine.
Siitiin kilaba carraa goolii uumuun isa rakkisu akka hin taane kan hime Suuton taphi kun olaantummaa Siitiin akka goolabamu tilmaame.
Nootingihaam Foorest bara darbe dirreesaan alatti mishaa hin turre. Barana garuu Cheelsii mo'ateera. Arsenaal fi Maanchistar Yunaayitid waliin kan taphates tapha salphaa hin turre.
Haata'u malee dirree Siitii irratti hagas mara sochii taasisu jedhee hin eegu jedhe Suuton.
Tilmaama: 4-0
Bireentifoord fi Evartan
Taphi kun Evartanitti baayyee ulfaata. Gareen Shoon Daayish tapha darberratti Arsenaaliin hin dandeenye. Gara Bireentifoordi imalanii waa argachuu qabu, garuu garee deebisee hubuun beekamu kanarraa maal abdatu?
Kanniisonni (Bireentifoordi) tapha darberratti gara Niwukasil imalanii rukuttaa adabbiin mo'amanii carra dhabeettii ta'anii galan.
Taphi kun garuu mo'amuusaanii kan ittiin haaloo ba'atan ta'uu danda'a jedhe Suuton.
Tilmaama 2-0
Barnilii fi Maanchistar Yunaayitid
Maanchistar Yunaayitid dirqama mo'achuu qaba. Keessattuu dhiibbaan irratti heddummaataa kan jiru leenjisaa kilabichaa Eriik Teen Haag ceepha'amuu keessaa ba'uun gara mo'uutti kan ittiin dhufan ta'uu qaba.
Bara kana waan hundi Yunaayitiditti bita agaleera. Tapha gaarii osooma taphataniifaa mo'amu.
Gara dirree Barnilii- Tarfi Moor imalanii mo'amanii galu tilmaami jedhu garuu hin jiru.
Barniliin haga ammaa milkaa'ee hin beeku. Tapha darberratti gara Nootingihaam Foorest imalee qabxii tokko qofa argatee deebi'e.
Tilmaama: 1-2
Taphoota Dilbataa
Arsenaal fi Tootanhaam
Tapha kanarratti goolii hedduu waan arginu fakkaata jedha Suuton. Fiigichi akka itti baay'atu amanama.
Warri Tootanhaam gara Arsenaal imalanii mufachuunsaanii waan oolu miti jedha Suuton.
Garuu Arsenaaliif qormaata guddaa ta'a jedha xiinxalaan kubbaa miillaa kun.
Leenjisaan Tootanhaam tapha isa qoru Arsenaaliin eegaleera, torbee ammoo Liivarpuul waliin taphata.
Yoo amma qabxii argate oduu gammachiisaadha, garuu Arsenaal kan salphaamatti qabxii irraa argatan miti jedha Suuton.
Tilmaama: 3-2
Biraayitan fi Boornimaz
Bara taphaa kana Biraayitan mo'uu kan danda'e Westi Haam qofa. Biraayitan tapha dhiphisee taphachuu fedha.
Tapha kana kan murteessu ija jabina leenjisaa Boornimaz Andoonii Iiraa'ool. Boornimaz gara Biraayitan imalee ija jabinaa fi sodaa tokko malee taphatee kan mo'atu yoo ta'e Biraayitan rakkoo keessa gala.
Hunda ol ammoo Biraayitan taphi Liigii Awurooppaa inni Kamisa galgala taphatee mo'ame Boornimaziif carraa guddaa ta'a.
Tilmaama 3-1
Taphni Piriimer Liigii biraan akkaan eegamu tapha Chelsii fi Astan Viilaati. Astan Viilaan tapha bareedaa akka bara darbee agarsiisaa jiraachuu baatus ammallee sadarkaa gaariirra jira.
Tapha darberratti duubaa ka'ee Kiristaal Paalaas mo'ate. Gareen akka Chelsii kan carraan goolii irraa fagaate miti. Goolii galchuun hagas mara itti hin ulfaatu.
Bara dorgommii kana Chelsiin qabxii garasaatti deebisa jedhee tilmaameera, nan dogoggore jedhe Suuton.
Viilaan Chelsii mo'achuunsaa na hin ajaayibu kan jedhu Suuton, taphi kun garuu walqixa xumurama jedhe.
Tilmaama isaas 1-1 jechuun kaa'e.
Taphi Liivarpuul fi West Haamis tapha akkaan ulfaatu ta'a. Sara ittisaa Deeviis Mooyiis akkaanan jaal'adha kan jedhu Kiriis Suuton, leenjisichi humna kilabiinsaa qabu bareechee beeka jedha.
Gara Liivarpuul imaluun kan taphatan gareen West Haam, garuu dandeettii deebisanii hubuu Liivarpuuliin miidhamuunsaanii waan hin oolle jedhe Suuton.
Taphni kun 2 fi 0 olaantummaa Liivarpuuliin akka xumuramus tilmaame.
Kiriis Suuton tapha Sheefiildi Yunaayitid fi Niwukasi waliin taphatan irratti Sheefiildi akkaan falmata jedhe.
Kilabni kun tapha darberratti wayita Tootanhaam waliin taphatu hanga xumuraatti cichoominaan falmateera.
Tapha Maanchistar Siitii waliin taphatanirrattis akkasumas falmataniiru, garuu qabxii osoo hin argatin galan.
Gama kaaniin Niwukasil akka bara darbee jiraachuu baatus, garuu sadarkaa fooyya'aarra jira. Gareen kun gara Sheefiildi imaluun mirgaan ni gala jedhee tilmaame Suuton.
Tapha kana Niwukasi 1 fi 0n mo'a jedhe.