Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Firaans namni wayinii dhugu xiqqaannaan Yuuroo mil 200n wayinii kuusaa jiru mancaasuuf
Mootummaan Firaans Yuuroo miiliyeena 200 baasun wayinii lafatti hafe balleessuf jira.
Biyyattiin baasii hanga kana kan ramaddeef wayinii lafatti hafe mancaasuu dabalataan omishtoota wayiniifis doggomaa kennuudhafi.
Wayiniin lafatti hafee akka mancaafamuuf sababa kan ta'e rakkoolen gara garaa industiriiwwan wayinii omishan mudachuurraa kan ka'eedha.
Gama biraan ammoo namoonni wayinii dhuguura biiraa (farsoo) dhaabbilee xixiqqaan oomishamu dhuguutti fuula deeffachuunis sababoota wayiniin lafatti hafeef keessaa tokoodha jedhame.
Omishni wayinii dabaluufi qaala'insi jireenyaas rakkoolee industiriiwwan omisha wayinii mudatan keessayi.
Bajanni mootummaan Faransaayi ramade yuuron miliyeena 200 kun kanneen muka wayinii dhaaban gara omisha biraa kanneen akka muka zayitii ejersaa fa'aa akka dhaaban jajjabeessuf oola.
Qarshiin kun harki caalan kanneen wayinii omishanii irratti hafe doggomuuf kan ooludha jedhame.
Ministiirri Qonnaa Faransaayi Mark Fesneau, "Mootummaan Faransaayi qarshii kana industiriiwwan akka argatan gochuunsaa kanneen wayinii omishan madda galii biraa akka argataniif gatiin [wayinii] akka hin kufne gochuudhafi" jedhan.
Ragaan Komishinii Awurooppaarraa argame akka agarsiisutti bara kana hanga ji'a Waxabajjiitti Faransaayi keessatti wayinii dhuguun 15% gadi bu'eera.
Xaaliyaan keessatti 7%, Ispeenitti 10%, Jarmaniifi Porchugaalitti 34% gadi bu'eera.
Biyyoonni kun addunyaarratti wayinii omishuudhan kanneen beekamaniidha.