'Hakiimonni jireenya jiraachuu fedhan jiraachaa hin jiran'

'Hakiimonni jireenya jiraachuu fedhan jiraachaa hin jiran'
Maxxanfame

Dr Takkaalliny Dhugumaa dargaggoo ganna 30 gadiiti. Hospitaala Phaawuloos Finfinnee argamutti hakiima waliigalaa ta'uun hojjetaa ture.

Yeroo ammaa damee baqaqsanii yaaluutiin ispeeshaalistii ta'uf barnoota xumuruutti jira.

Dhaloota Itoophiyaa keessatti ijoollummaa isaaniirraa kaasee yeroo guddatan hakiima ta'uu hawwan keessaa garuu miti.

Rakkoo maatiitu ogummaa kanatti na fide jedha. Haala jireenyaa hakiimota Itoophiyaa keessaa miidiyaa hawaasummaarratti barreessa.

Warra hakiima ta'uu ijoollummaa irraa kaasee hawwaa turanii, abjuu isaanii dhugeeffataniif 'Itoophiyaan biyya akkamiiti?' gaaffii jedhu deebisa.