Teeknooloojii wayita laguun dhaabbatu dhukkubbii to'achuuf gargaaru- Termaband

Maxxanfame

Daabii Dikiinsan bara 2019 ho'i qaamaa itti dhagahamuu eegale, yoggaa sana umriinshee waggaa 55 ga'eera.

Jijjiirama qaamasheerratti mudachuu eegale kana daftee hin hubanne, garuu didee ittuma cime.

Boodarra garuu jijjiiramni fi dhukkubbii yookiin haalli hin baratamne kun sababa marsaan laguu dhaabbachuu ta'uu hubatte.

Bulchiinsa Filooriidaa, Miyami kan jiraattu Daabiin dhukkubbii isheerra ga'erraa ka'uun fala barbaaduu eegalte.

Laguun dhaabbachuu duras ta'e erga dhaabbatee akkamiin dhukkubbii dhufuu malu dandamachuun akka danda'amurratti hojjechuu eegalte.

Daabiin ergasii maloota hedduu dhawaa turte, firiijii bantee dura dhaabbattifaa.

Namoota hedduurraa gorsa fudhatteetti, garuu gulantaa jireenyaa kanaaf hagas mara hin qophoofne.

''Waa'ee laguun dhaabbachuu ilaalchisee hubannoon qabnu xiqqoodha. Barnoonni isaas hin jiru. Waa'ee waan kanaa ifatti haasa'uu namuu ni qoollifata, itti qaana'a. Garuu uumama waan ta'eef waan qaanii hin turre,'' jette.

Baruma sana keessa Daabiin konkolaataashee keessa osoo jirtuu qaamni ishee akka malee ho'a ture, kanarraa ka'uun meeshaa qaama dubartii qabbaneessu kan harkatti qabatanii socho'an kalaquuf murteessite.

Dhaabbata fayyaa guddicha Ameerikaa 'Johnson & Johnson' jedhamu keessa waan turteef namoota hedduu beekti.

Kanaaf hojii kanaaf maallaqa doolaara miiliyoona 1.5 argachuu dandeesse.

Garee injinarootaa, saayintistootaa fi doktaroota of keessatti qabate hundeessuun hojiitti seente.

Haala kanaan meeshaa ho'a qaama namaa to'atu kan akka gumeetti harkatti kaawwatamu- Termaband jedhamuun beekamu hojjetan.

Meeshaan faaya harkaa fakkaatu kun mosaajii (Software) hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence)'n dabaalame qaba.

Tempireechara qaama namaa to'achuun wayita ho'u ni qabbanneessa, wayita qabbanaa'u ammoo ni ho'isa.

Meeshaan harkatti kaayyatamu kun dhiibbaa dhiigaa fi dhahannaa onnees ni to'ata.

Daabiin intala ishee Markea waliin hojjechuu eegalteteti, oomisha isaanii kana bara kana keessa gabaarra oolchuuf jedhu.

Waa'een dhaabbachuu marsaa laguu dubartootaa kan waggoota hedduuf akka qaaniitti ilaalamaa ture amma kan yeroo kamuu caalaa irratti dubbatamaa jira.

UK keessatti namoonni bebbeekamoon kanneen akka Davina Makal- dhiheessituu oduu Channel Four, akkasumas miseensi paarlaamaa paartii Konsarvatiiv Karolaayin Nokes dhimmi kun akka xiyyeeffannaa argatu duula eegalaniiru.

Miseensi paarlaamaa kun dubartoonni gulantaa marsaan laguu isaanii dhaabbachuurra jiran eeyyama hojii akka argatan duula gaggeeffamu dursaa jirti.

Dubartoonni wayita dhukkubbiin itti dhagahamu jalqaba wanti isaan godhan mana yaalaa deemuudha.

Garuu uwwisni dhimmi kun argachaa jiru jaarmiyaaleen teeknooloojiis dhimma kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan gargaareera.

Jaarmiyaaleen teeknooloojii- hedduunsaanii dubartootaan durfaman kunneen meeshaalee addatti dubartootaaf tajaajila kennan oomishuurratti xiyyeeffatan.

Dubartiin umrii waggaa 46 Monika ISkoot dhaabbata teeknooloojii tokkotti hooggantuudha.

Appii dubartoota laguun irraa dhaabbateef tajaajila wal'aansa fayyaa kennu, Peppy jedhamu waggootaaf gargaaramteetti.

''Rakkoo ijoon hirriiba dhabuudha. Kun baayyee nama sodaachisa. Wayitan ka'u baayyeen dadhaba,'' jette jiraattuun Landan kun.

''Gogaan kiyya na goge, laguu hamaatu natti dhufe. Obboleettiin kiyya wayita laguun irraa obba'uuf jedhu baayyee dhukkubsatte. Gidduu kanatti appii peppy jedhamu wayitan argu, kana fayyadamuun qaban jedhe.''

Appiin kun ogeessa marsaa laguu waliin kallattiin gama viidiyoon walarganii mari'achuu nama dandeessisa.

Dubartiin biraa Andriya Berchiwiz jedhamtu, namoota appii dhaabbachuu laguu dandamachuuf gargaaru- Stella jedhamu oomishan keessaa tokko.

Wayita laguun dubartootarraa deemu maal gochuu akka qaban irratti hojiin hojjetamaa jiru akkaan muraasa jettee kan amantu dubartiin kun, fayyaa dubartootaa irratti xiyyeeffattee hojjechuu eegalte.

''Teknoloojiin fayyaa dubartootaa ilaalchisee addunyaarra jiru xiyyeeffannaasaa kan godhate walhormaataa fi laguu hordofuu qofaadha,'' jette.

Appiin Stella jedhamu kun dubartoonni torbaniin gorsa akka argatan fayyada.

Dubartoonni wayita marsaan laguu isaanii obba'uuf deemu amala adda addaa agarsiisu kan jettu dubartiin kun, karaa appii kanaa amaloota dubartoota irratti mul'atan hunda wal'aanuun danda'ama jette.

Amala addaa dubartoonni agarsiisan qofa osoo hin taane hormoonii isaanii wal'aanuunis ni danda'ama jette.

Appiin Stella Landanitti kan argamu ta'ee, bara 2021 keessatti hojiirra oole.

''Kan oomishame dubartoota hundumaafi. Garuu dursi kan kennamu kanneen bakka hojii jiraniifi,'' jette Andrea.

''Dubartoonni wayita laguun isaanii dhababatutti tajaajila fayyaa argataniif kaffaluu hin qaban. Waajjiraaleen dubartoonni tajaajila akka argataniif haala mijeessuu qabu.''