Namoonni Feesbuukiif hojjechaa turan maaliif deebi'anii dhaabbaticha himatu?

Maxxanfame

Manni Murtii hojjettootaa Keeniyaa, hojjetaan duraanii feesbuukii sababa qabiyyeewwan rifaasisoo ta'an hordofaa tureef sammuunsaa miidhame dhaabbaticha himachuu akka danda'u eeyyameef.

Daniel Motung qabiyyeewwan sammuu namaa jeeqan- wayita mormi namaa muramuu fi miidhaa hamaan daa'imman irra ga'u irra deebi'ee ilaaluuf sa'atii tokkotti doolaara 2.20 qofatu kaffalamaafii ture.

Daniel dhaabbata qabiyyee keessa deemee ilaaluuf feesbuukiin kontiraata itti kenne- Sama dabalatee himannaa irratti baneera.

Teessoon Meta Keeniyaa waan hin taaneef manni murtii kun aangoo akkanaa hin qabu jedha jaarmiyaan kun.

Haata'u malee manni murtichaa Meta fi Sama'n waliin hojjetu waan ta'eef waliin himatamuu danda'u jechuu Rooyitarsi gabaaseera.

Metan kanarratti callisa filate, gareen seeraa namoota miidhamaniif duula gaggeessuuf- Foxglove garuu Metan akka ol iyyatuuf eegee ture.

Jaarmiyaan kun bara 2020 keessa himata walfakkaataa US keessatti irratti baname xumuruuf doolaara Ameerikaa miiliyoona 52 baasee ture.

Himannaan Keeniyaatti baname Foxglove'n durfama, Daarektarri jaarmiyaa kanaa Cori Crider, bu'uurri kaa'ameera jedha.

''Daniel himannaa kana akka banuuf eeyyama argachuun feesbuukiif ergaa guddaadha. Feesbuukii qofaaf osoo hin taane jaarmiyaalee teknooloojii gurguddaa Afrikaa keessa jiraniif dhaamsa jabaa qaba,'' jedhe.

Feesbuukiin qabiyyeewwan maxxanfaman qajeeltoo ittiin bulmaataa isaa kan sarbu ta'uu adda baasuuf hojjettoota qabiyyee keessa deemuun ilaalan kumaatamaan qacaree hojjechiisa.

Daniel Motaung akka jedhutti akkuma qacaramee hojii eegaleen viidiyoon inni jalqaba arge ''viidiyoo yeroo namni qalame kallattiin agarsiisuudha.''

Danie' akka waan ofii miidhamaa ta'eetti miirri dhukkubbii akka itti dhagahamee fi yoomiyyuu sammuusaa keessaa akka hin badin jiru BBCtti himeera.

Hojjettoonni kaanis wayita qabiyyeewwan maxxanfaman irra deebiin ilaalan rakkoo fayyaa sammuuf saaxilamaniiru jedha.

''Hojjettoota bakka taa'anii ka'anii boo'aa ba'an hedduu argeera. Miira hamaa keessa seenu,'' jedhe.

Muddee darbe Feesbuukiin qabiyyeewwan waraana Itoophiyaa hammeessan to'achuu fi haquu dhabuusaatiin miidhaa qaqqabeef doolaara Ameerikaa biiliyoona 2 akka kaffalu himannaan dhihaatee ture.

Himannaan kun Foxglove'n ni deeggarama.

Metan garuu haasaan jibbiinsaa fi qabiyyeewwan hookkara kakaasan dabarsuun faallaa seera isaa ta'uu eeruun himaticha ofirraa facciseera.