Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ani biyyakoof homaa hin hojjenne'- tiraafika sooramni hojiirraa hin dhaabne
Beekamtiin namni kun qaban Harargee Bahaa keessa darbee hanga giddugala biyyaatti fulla’a. Namoonni heddu ‘Gaash Mahaammad’ jedhanii waamu.
Dhimma dhuunfaaf gara magaalota garagaraatti yeroo imalanitti konkolaataa walitti baay’atee daandii cuccufame yoo argan callisanii bira hin darban. Itti goranii sochii tiraafikaa si’eessu.
Bifa kanaan magaalota akka Finfinnee, Jimma, Jigjigaa, Dirre Dhaawaa fi Hararitti dhimma dhuunfaf deemanii daandiin konkolaataa cuccufamee yeroo arganitti ol ka’anii sochii tiraafikaa si’eessaniiru.
“Hararitti cidhi jiraatee karaan yoo cuccufame konkolataa keessa turerraa bu’een sochii tiraafikaa si’eessa” jechuunis himu.
Hojii guyyaafi halkan, yeroo dargagummaatii kaasee soorama boodallee hojjechaa jiraniin kabaja, jaalala hawaasaa fi maqaa gaarii horataniiru.
Maqaan isaanii Obbo Mahaammad Abbaayinah Zallaqa jedhama. Waggoota 30tti siiqaniif magaalota godina Harargee Bahaa gara garaa keessatti to’ataa tiraafikaa ta’uun sochii tiraafikaa si’eessaa turaniiru.
Kana malees waggootni 11 mana hidhaa Somaaliyaa keessatti dabarsan dhimmoota jiruu isaanii keessatti iddoo bal’aa qaban keessa tokko.
“Hanga dafqa adii na dafqisiisutti hojjechaa ture” jechuun dararaa heddu dabarsuu isaanii miira xiiqiin dubbatu.
Yeroo ammaa kutaa magaalaa daldala jimaan walqabatee sochiin tiraafikaa olaanaan itti jiru Awwadaay keessa qindeessaa sochii tiraafikaa ta’uun hojjechaa jiru.
Haa ta’u malee hojii kana bifa idileen qacaramanii osoo hintaane soorama erga bahanii booda hojjechaa jiru.
“Uummata duraan tajaajilaa ture ergan soorama bahee boodas tajaajilaan jira,” jedhu Obbo Mahaammad.
Hojii tiraafikaa hawwii yeroo ijoolummaa hanga sooramaatti
Obbo Mahaammad Abbaayinah naannoo Somaalee iddoo Wardheer jedhamuun beekamutti dhalatan.
Yeroo ijoollumaa isaanii fedhii to’ataa tiraafikaa ta’uu akka qaban kan himan Obbo Mahaammad, “Yeroo ijoollummaa koo ‘ani tiraafika’ jechuun konkolaataa koloneela tokkoo dhaabsisuukoo abbaankoo ergan guddadhee tiraafika ta’ee booda natti himeera” jedhu.
Sana boodas “fedhii yeroo ijoollummaa koo bu’uura godhadhee bara 1967 raayyaa ittisaatti makame. Sana booda waraana Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti bara 1969 taasifameen waahillankoo waliin booji’amne” jechuun Somaaliyaatti geeffamuun hidhamuu himan.
Waggoota 11 hidhaarratti dabarsananiin dararaan hammaataan irra gahuu kan himan Obbo Mahaammad, hojiilee humnaa garagaraa dirqisiifamanii hojjechaa turan.
“Qonna qotuu, uffata miichuufi hojii kushinaa (alwaadaa) hojjechaan ture” jedhan.
Hidhaadhaa erga gadhiifamanii boodas gara magaalaa maatiin isaanii itti argaman magaala Gursumitti imaluun poolisummaan ramadamanii hojjechuu eegalan.
Itti aansuun ALI bara 1986 gahee hojii isaanii gara to’ataa tiraafikaatti jijjiiruun magaala Baabbileetti ogummaa jaalatan hojjechuu eegalan.
Wayita tiraafikummaan qacaramanii turanittis magaalota akka Awwadaay, Haramaayaafi Qullubbiitti tajaajilaniiru.
Saffisa hojiifi jaalala ogummaa tiraafikummaaf qabaniin yeroo garagaraatti ija miidiyaalee hawwachuunis seenaan isaanii himameera.
“Sochii tiraafikaa si’eessuu kootiin baay’een gammada. Balaan uumamuu dhiisuusaatti nan gammada. Seeqaan hojjedha, nama hin lolu, nan barsiisa. Ummatnis ilaalcha gaarii naaf qaba” jedhu.
''Maaloo balaan baay’ateera” naan jedhan
Obbo Mahaammad bara 2005 hojii to’annoo tiraafikaa baay’ee jaalataniin sababa sooramaan gargar bahan.
Haa ta’u malee fedhiin hojichaaf qabanis ta’e humni isaanii takkaa kan hin hir’anne ta’uu himu. Soorama bahu isaaniittis baay’ee akka gaddan dubbatu.
Battala soorama bahanitti re’oota muraasa bituun hojii horsiisa re’ootaa eegalanillee qalbiifi yaadni isaanii hojii tiraafikummaa biraa hin hanqanne.
Haa ta’u malee soorama bahanii ji’oota torba booda kantiibaa magaalaa Awwadaay duraaniin waamichi taasifameef.
“Kantiibichi ‘maaloo balaan baay’ateera, osoo nu tajaajiltee’ jedhanii na gaafatan. Baay’een gammade. Ji’atti qarshii 860 naaf kanfalaa hojii eegale” jedhan.
“Ani biyyakoo hin tajaajille. Dhugaan sin jedha… (bo’icha)… wayitan booji’amee Somaaliyaatti qonna qotaa turetti aramaa buqqisnee maqaa itti moggasnee nyaachaa turre. Yeroon araamuma sanillee nujalaa itti gatantu ture. Hanga dafqa adii na dafqisiisutti hojjechaa ture.
Biyyaaf garuu waan gaarii nyaachaa fi dhugaa, mindaan lama naaf kanfalamaa biyyakoo hin tajaajille. Tajaajileera jechuus hin danda’u. Dafqa adii nan dafqisiisne … (bo’icha)… natti dhagahama. Hojjedhe, dadhabe jedhee natti hin dhagahamu. Dadhabe jedhee boqochuu hin barbaadu” jedhu.
'Ijoolleenkoo taa’anii na eegu'
Kutaan magaalaa Awwadaay daldala jimaa keessatti taasifamuun walqabatee sochii tiraafikaa sa’aa 24 keessummeessiti.
Kanaafis Obbo Mahaammad Abbaayinah guyya guyyaan yeroosaanii irra jireessa hojiin dabarsu.
“Ganama ka’een as dhufee sochii tiraafikaa keessummeessa. Laaqana osoon hin nyaatiin sa’aa 7 yookiin 8 ta’a. Achii gara manaa deemee ijoolleekoo walin laaqana nyaadhee deebi’ee dhufa” jedhu.
“Sochiin tiraafikaa galgala irra baay’ata. Konkolaataawwan jimaa fe’an fi buusan, konkolaataawwan fe’umsa namaa fi bajaajiiwwan waan jiraniif balaan osoo hin qaqqabin dura ittisuuf halkanii guyyaa hojjenna. Yeroo sochiin konkolaataa hir’atun gara manaa deema” jedhan.
Kanaafis hanga walakkeessa halkanii sa’aa jahaatti yeroon itti hojjetan ni jira.
Yeroo kanas “ijoolleenkoo baay’ee na jaalatu. Halkaniyyuu osoo hin rafin taa’anii na eegu” jedhan.
“Halkanii guyyaa hojjedhee ijoolleekoo sadarkaa gaariirraan gahuuf hojjedha. Wantan argadhu hunda ijoollee koorran oolcha. Faayidaan biraa ani argadhu hinjiru. Dhaala ijoolleekoof ta’us hinqabu” jechuunis himu.
'Duris adabuuf hin jarjaru'
Obbo Mahaammad sochii tiraafikaa kutaa magaalaa Awwadaay si’eessuu keessatti gahee guddaa qabaatanis akka tiraafikoota idileen qacaramanii hojjetanitti konkolaachistoota seera tiraafikaa cabsan adabuu hin danda’an.
Haa ta’u malee, “Duris adabuuf hin jarjaru. Sababnisaas dursa barsiisuu irrattin xiyyeeffadha. Dura nan gorsa. Konkolaachistootani al lama yookiin sadi ergan gorsee booda yemmuun adabu ‘balleessaa keenyaani’ jedhanii amanu. Haaloos natti hin qabatan” jedhan.
Kana malees “urgooftuu foolii gaarii qaburra maqaa gaariitu caala” kan jedhan Obbo Mahaammad, wayita tiraafikummaan hojjechaa turanitti matahaa fudhatanii akka hinbeekne dubbatu.
“Maallaqaan gowwomfamuu diduunkoo kanaan na gaheera. Osoo akkas ta’uu baatee namni hundi quba natti qaba ture” jedhu.
Ammatti hojii isaanii dhaabuuf yaada akka hin qabne kan himan Obbo Mahaammad, “Hangan lubbuun jirutti, hangan kufutti waraanallee ta’u duubatti hinjedhu. Biyyakoof hanga ta’etti gonkumaa duubatti hinjedhu. Hangan kufutti hojjechuun barbaada” jechuun himaniiru.