Oduu jijjiirraa taphattootaa: Meesan Maawunt, Raayisiifi Silvaa

Maxxanfame

Chelsiin gaaffii yeroo sadaffaaf Meesan Maawunt fudhachuuf Maanchistar Yunaayitid dhiheesse dideera.

Gatiin Maan Yunaayitid utubaa Chelsiif dhiheesse paawundii miiliyoona 55 dha. Yunaayitid gatiin isaan dhiheessan yoo fudhatama dhabe marii eegalan akka dhiisan ibsaniiru.

Chelsiin immoo Yunaayitid gatii akka dabalu fedha. Paawundii miiliyoona 58 fi kan miindaa taphatichaarratti dabalamu paawundii miiliyoona torba gaafate.

Yunaayitid immoo taphatichi waliigalteen Chelsii waliin qabu waggaa tokko qofa akka hafe ibsuun hammi gaafatame guddaa ta’u ibsa.

Leenjisaan Yunaayitid Erik Ten Haag waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa waggaa dhufuuf waan darbaniif Yunaayitid cimsuuf Maawunt barbaadu.

Taphataan lammii Ingilaand eega Chelsii bara 2019 seene as si’a 195 taphatee galchii 33 galcheera. Gara xumura bara dorgommii baranaa irratti garuu waan miidhameef taphataa hin turre.

Kilabiin inni keessa taphatu Chelsiin barana liigichaa sadarkaa 12ffaan xumure. Akka Yunaayitid jedhutti taphatichi isaan bira seenuuf fedhii qaba.

Raayis Siitiimoo Arsenaal seena?

Pirimiyeer Liigii Ingilizii dursaa turee lammaffaan kan xumure Arsenaal utubaan West Haamiifi garee Ingilaand Deklan Raayis mallatteessiisuuf yaalaa jira.

Ammoo gidduutti Maanchistar Siitiinis fedhii qabaachuun barame.

Leenjisummaa Deevis Mooyes jalatti dhihoo taphataan kuni Waancaa Yuroppaa Konfarans Liig ol kaaseera.

Taphataan ganna 24 kuni gatii Nikolaas Peppeef Arsenaal paawundii miiliyoona 75 kanfale cabsuun Arsenaal seenuu danda’a.

Yookiin immoo Giriliish booda taphataa gatiin guddaa itti bahe ta’un Maan Siitii seenuu mala.

Taphataan booda kana ga’umsi isaa dabalaa dhufe kuni ija leenjistotaa keessa seeneera.

Utubaan duraanii Ingilaand Owen Haargiriivis waancaa Konfarans Liig booda waa’ee taphataa kanaa dubbate: ‘’Utubaa addunyaa ittisaa taphatu ta’u danda’a.’’

Silvaan gara Al Hilaal?

Utubaan Maanchistar Siitii jifataa taphatu Bernaaldoo Silvaan kilaba Sa’udii Arabiyaa Al Hilaal seenuu danda’a jedhamaa jira.

Waligalteen Silvaan Siitii waliin qabu hanga bara 2025 tura. Kilabichi garuu yeroo dabalataaf isa mallatteessisuu barbaada. Ta’us, kilaboonni kaan akka isa barbaadan ibsaa jiru.

PSG fi Baarselonaan taphataa ganna 28 garee biyyaalessaa Porchugaaliif taphatu kana mallatteessifachuu barbaadu.

Baarselonaan dursaa taphattoota Maan Siitii Ilkaay Gundowaan mallatteessifachuuf waliigaleera.

Haa ta’u malee, PSG fi Baarsaan Silvaa fedhanis tarii taphatichi gara liigii Sa’udii Piro Liig jedhamu imaluu mala jedhamaa jira.

Kunis miindaa achirraa dhihaateefin walqabata.

Kilabiin buufata isaa Riyaad taasifateefi yeroo ammaa qarshii rikardii jedhame paawundii miiliyoona 47’n utubaafi dursaa taphatoota Woolvis Ruuban Neeves mallatteessiseera.

Kilabiin Al Hilaal kuni yeroo ammaa Silvaan akka isaan bira seenu sochii cimsaa jiru.

Taphataan lammii Porchugaal bara 2017 kilabicha erga seenee waancaa Pirimiyeer Liigii Siitiin si’a shan ol kaase milkeessuu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Baranas leenjisummaa Pep Gaardiyoolaa jalatti waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa, Pirimiyeer Liigii akkasumas Waancaa FA ol kaaseera.

Booda kana taphattoonni maqaa guddaa qaban kanneen akka Ronaaldoo, Benzemaa, Nigoloo Kaantee fa’i gara kilaboota Sa’udii Arabiyaa imaluun isaanii ni yaadatama.