Maadriid tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigiirratti 'sodaa ni qaba' jedhe Anchelootii

Maxxanfame

Riyaal Maadriid yeroo 15ffaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifachuuf falmii godhamurratti ''sodaa ni qaba'' jedhe leenjisaa Kaarloo Anchelooti.

Taphni xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Sambata galgalaa sa'aa Afur irraa eegalee Weembileetti Riyaal Maadriidiif Boriishiyaa Doortimund gidduutti gaggeefama.

Morkiin kun garee yeroo 14 shaampiyoonaa ta'efii garee bara kana Bundasliigaa Jarman sadarkaa shanaffaan xumure gidduutti godhama.

Haata'u malee yeroo afur shaampiyoonaa Awurooppaa ta'uun leenjisaa qixxee hin qabne kan ta'e Anchelootiin salphaatti akka hin laalle dubbate.

''Xumurri Shaampiyoonsi Liigii baayyee murteessaadha, baayyee hamaadhas,'' jedhe.

''Carraa xiqqo qabaachuu qabna, sirriittii taphachuu qabna... yeroo xumurrarra geessuu injifannootti waan dhiyaattuuf ni sodaatta'' jedhe Anchelootiin.

Dorgommii liigii Jarman bara kanaan badaa dorgomaa cimaa kan hin turre Doortimund dorgommii Awurooppaa kana irratti gahumsa gaarii agarsiise.

Maadriid nuusa xumuraarratti Siitii Penaalitiin injifate, walakkaa xumuraarrattis tapha dirreesaatti godheen goolii lama galchee injifate.

''Haaduu qara lamaati, hamma dandeenye irraa gammaduu qabna, wanti yaaddessaan kubbaa miilaa keessatti badhaasa isa olaanaatti dhiyaannee waan jirruuf nu harkaa bahuus danda'a'' jedhan Anchelootii.

''Sodaan kun har'a galgala, bor ganama, boru galgala jalqabuu danda'a. Sodaa guddaadha, baratamaadha. Yeroo baayyee sodaattee dhumarratti injifattu gammadaa taata'' jedhe Anchelootii ibsa Jimaata galgala kenneen.

Gama Doortimundiin guddummaan tapha kanaa homaa gaaffii keessa hin galle.

Taphataan sarara gidduu Juuliyaan Biraant ''morkattoota isaan jabaadha, Shampiyoonsi Liigiirratti wanti isaanirra jabaa hin jiru, milkaahinaafi seenaadhaan'' jechuun guddummaa garee morkatanii ibse.

Leenjisaan garichaa Edin Terziik gama isaan xumuraaf gahuutti gammaduu hime. Kan as jirru injifachuufi jedhe.

''Tapha xumuraarratti hirmaachuuf as hin dhuftu, injifachuuf dhufta. Waancaa sana harka galfachuu barbaanna'' jedhe.

Maadriid milkaahina qaburraa waancaa kana akka injifatu tilmaama guddaa argatus, taphataan sarara gidduu Maadriid Lukaa Moodriich garuu akkas miti hireen jiru 50/50 jedhe.