Waraana waggaa 60 daangaa Chaayinaa fi Indiyaa irra jiru

Maxxanfame

Onkololeessa 23, bara 1962’tti loltoonni Chaayinaa daangaa ce’uun naannaa Himalaayaa kaaba-baha Indiyaa bakka North-East Frontier Agency (NEFA), jedhamu kan daangaa Chaayinaa fi Butaan irra jirutti lola banani.

Har’a bulchiinsa Indiyaa Arunachaal Piraadesh jedhamu kan lammileen miiliyoona tokkoo ol keessa jiranidha. Chaayinaan ammoo lafa koodha jechuun falmatti.

Bulchiinsa kanatti gara wagga tokko oliif lolli dhiyeenyaa kan gaggeeffamaa ture.

“Dhukaasni samii ibsee, garreen irraa dhaga’amaa ture,” jechuun qondaalli waraana Indiyaa gaazexeessaa Iswiidin Bertil Lintineer, kan barreessa waraana Chaayinaa Indiyaa ta’etti himeera.

Loltoonni Chaayinaa bakka loltoonni Indiyaa qabatan seenuun, loltoota Indiyaa 17 ajjeesani, 13 ammoo booji’aniiru.

Haleellaa tasaa fi humnoota Indiyaa hanqina meeshaa qabu irratti gaggeessaniin booda loltoonni Chaayinaa guyyaa itti aanuu magaalaa mana amantaa Budistii Tawaang jedhamtu to’atani. Sana booda loltoonni Chaayinaa gara kibbaatti imaluun magaalaa Bomdilaa ga’ani.

Sana booda Sadaasa 21 irratti, Chaayinaa labsii dhukaasa dhaabuu baastee daangaa biyyootii lamaan olitti gara km 20’tti ol darbanii deemani.

“Waraanichi ni dhaabbate. Torban muraasa booda loltoonni biyyatti gara kutaa gaaricha Chaayinaan to’atamutti deebi’ani,” jedha Lintar.

Indiyaan loltootishee 1,383 du’anii kan 1,700 ta’an ammoo “lola irratti badaniiru” jetti.

Chaayinaan ammo loltoonni Indiyaa 4,900 du’anii, loltoonni 3,968 ammoo booji’amuu isaanii himti.

Xiinxalaa ittisa Indiyaa fi barreessaa kitaaba Understanding The India China Border ( Daangaa Indiyaa -Chaayinaa hubachuu) jedhu kan barreesse Manooj Jooshii, maaliif akka loltoonni Chaayinaa ba’an ifa miti jedha.

“Sababa daandiin dhiyeessaa isaanii waan dheerateefii? Gidduu galtummaa US sodaataniitii? Moo waa’ee daangaa bahaa to’achuu irraa dhimma hin qabanii? ” jedha.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti daangaan biyyootii lamaan jidduu “sarara akkanumaan” kaa’amedha – akka Indiyaan jettutti daangaan kun km3,488 dheerata, Chaayinaan ammo naannaa km2,000 dheerata jetti.

Biyyootiin Eeshiyaa gurguddoo lamaan meeshaa waraanaa nikularii qaban waldhabdee addunyaa irratti isa yeroo dheeraaf ture dhaabuuf walii galtee taasisaniiru.

Gami lamaanuu harka caalaa nagaan turaniiru, ta’us yeroo yerootti daddarbaa fi waldhabdee irratti walhimatu.

Akka xinxaaltonni tokko tokko jedhanitti Chaayinaan bakka Arunachal Piradeesh akka adeemsa waligaltee Indiyaan bakka Aksaay Chin jedhamu Chaayinaaf kennuun ofii Arunachaal Piraadesh fuchuu irratti waliigaltu taasisuuf ijoodha jettee yaaddi.

Aksaay Chin gammoojjii cabbii lafa albuuda hedduu qabuudha.

“Akkan yaadutti Chaayinan waldhabdee daangaa kana kan ilaaltu akka bakka qabachuu ykn bakka dhabuutti qofa utuu hin taane, akka fedhii biyyaleessa fi qajeelfama biyya alaashee babal’isuu yaaddeeti,” jedha Yunivarsitii Birmingaam UK irraa,  Dr Tsering Topgayaal.