Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Luusiin miila lamaan dhaabattee deemaa turte - Qorannoo
Achii dhuftee dhala namaa ta'uu malti kan jedhamtu Luusiin mukarra jiraachaa akka turteefi miila lamaanis dhaabattee deemaa akka turte qorannoo haaraan ifa godhe.
Haalli dhaabbi qaama isheetis lubbuu qabeessa amma lubbuun jiru kamuu keessatti hin mul'atu jechuudha.
Gosa Awustiraalooppitikas Afaarensiis jedhamu keessaa kan ta'e lafeen lubbuu qabeessaa dhibbeentaa 40 walitti jiru bara 1974 Itoophiyaa keessatti argame.
Lafee kanaafis maqaan Luusii jedhamu kennameef. Dinqinash jedhamuunis ni beekamti.
Saayintiistotni amma dhaabattee akka deemaa turte himan kun Yunivarsiitii Kaambiriij keessatti maashaalee mudhii gadii Luusii dijitaalatti jijjiiranii qorachaa turan.
Qorannoo isaanii kana irraa yaadni waliigalaa lafa kaahan Luusiin jilba ishee diriirsitee miilaan ijaajjitee lafa margaa keessa jiraachuu dandeesseetti ture kan jedhudha.
Itti dabaluunis maashaaleen miilla ishee akka gosoota qamalee (ape jedhamanii) mukarra akka jiraattu ishee gargaara.
Luusiin waggoota miiliyoona sadii dura dachii kanarra jiraatte jedhamee amanama.
Qorannoo biraan bara 2016 keessa gaggeefame Luusiin wanta ol dheeraa irraa kuftee du'uu akka hin oolle ibseera.
Qorannoon CT scan (siitii iskaanii) jedhamu taasifamee miidhamni lafee isheerra gahee jiru isa akka dhalli namaa amma jiru yeroo wanta ol dheeraa irraa kufu miidhamu waliin walfakkaata jedheera.
Qo'annoowwan lafee Luusii irratti gaggeeffaman irraa lubbu qabeettiin akka jaldeessaa kun saalaan dhaltuu fi umriinis kan dulloomte akka hin turre ibseera.
Dheerinni ishee 1.1m ta'a jedhamee herreegame.
Bara 1974 Antirooppolojistiin Doonaald Joonsen jedhaman Itoophiyaa naannoo Afaar bakka Hadar jedhamutti qorannoo gaggeessaa osoo turanii lafee harkaa argan achiis lafeen biroonis argamuu itti fufan.
Kunis argannoo Luusii kan achii dhuftee dhala namaa qorachuu keessatti gahee olaanaa gumaachaa jirtuu kun ifa ta'e.
Luusiin gosa akka qamaleeti jedhamtee amanamti. Lafee ishee 207 keessaa 47 argameera.