Loltootni Raashiyaa garee Waagner jedhaman 30,000 Yuukireenitti ajjeefaman ykn madaa'aniiru, jette US

Maxxanfame

Erga waraanni Yuukireen jalqabeen as loltootni addaa 30,000 ol tahanii fi garee Raashiyaa Waagner jedhamaniif waraanaa turan ajjeefamaniiru ykn miidhamaniiru jedhan qondaalli US.

Dubbii himaan Waayit Haawus Joon Kirbii, torban kana keessa garicha irra miidhaa guddaan gahuu hima. Gidduu kana loltootni 9,000 tahanis ajjeefamaniiru.

Gareen Waagner jedhamu kun loltoota hedduu mana hidhaa Raashiyaa keessaa kan leenjisee fudhate yoo tahu, warri miidhame irra caalaan isaanii leenjii gahaa kan hin qabne jedhan Joon Kirbii.

Miidhaan hagas irra haa gahuyyuu malee Waagner naannoo magaala Bakmut jedhamtutti injifannoo argataa jira.

Waraanni hamaan kan gaggeeffame gara baha magaalittiitti yoo tahu loltootni Waagner hedduun keessatti hirmaataniiru.

Loltootni Yuukireen akka jedhanitti, loltootni Waagner lakkoofsa guddaa qaban waraanichatti ergaman.

Mooskoon loltoota isaanii madaa’an ykn reeffa warra ajjeefamanii baafachuu hin dandeenye, jechuun ‘’bakka reeffi isaanii tuulame eeran,’’ dubbii himaan humna waraanaa Yuukireen.

Loltootni Raashiyaa magaalaa Baakmut qabachuun gara magaalota gurguddoo gara Lixaa jiran akka Kiraamatoriski fi Isloovaniskitti babal’achuuf gargaara jedhame.

Haa tahu malee, Dubbi-himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa US Obbo Kirbiin akka jedhanitti, magaalaa Bakmut qabachuuf ji’oota kan itti fudhatee fi aarsaa guddaa isaan kaffalsiise tahuu himuun, humni waraanaa Raashiyaa gara magaalota kaaniitti babal’ifachuun waan hin fakkaanne jedhan.

"Magaalaa Bakmut qabachuun milkaa’uu danda’u. Garuu magaalittii qabachuun gama tarsiimoo waraanaan yoo ilaalle homaa faayidaa kan qabuuf miti,’’ jedhan.

Dhaabbanni Basaasaa UK ammoo loltootni idilee Raashiyaa fi Waagner waliigalaan 175,000-200,000 tahan irra miidhaan gaheera. Loltootni 40,000-60,000 ajjeefamaniiru jedhe.

Waraanni kun osoo hin jalqabiin dura waraanni Waagner lakkoofsi isaanii 5,000 qofa ture. Ergasii kuma kurnaniin loltoota filuun leenjisaa turan. Irra caalaan isaanii ammo mana hidhaa keessaati.

Akka Ameerikaan jettutti ammo Raashiyaan weerara kanaaf loltoota dhabaa jirti.

Warri kan Waagner waraanichatti makam ammoo yoo xiqqaate walakkaan ol madaa’aniiru.