Abbaa warraa fi maatii isaa dhiiga laguu haadha manaasaa gurgurachuuf dararan

Madda suuraa, Empics
Indiyaatti dubartiin tokko erga heerumtee booda abbaa warraa fi maatii isaatiin dararamuun akka dhiiga laguu ishee gurgurtu dirqisiifamuu himatte.
Taateen tolchaaf jedhamee raawwatamu kun wayita dhagahamu hawaasa keessatti rifaatuu guddaa uume.
Dubartiin umrii waggaa 28 Indiyaa bulchiinsa Beed bakka Pune jedhamtu keessatti buufata poolisii Vishirantiwadi jedhamutti himata dhiyeeffatte.
Akka himatashee kanatti maatiin abbaa warraashee Hagayya 2022 keessa dhiiga laguu ishee gurgursiisuuf jecha guddoo dararan.
Akkasheen himattutti erga yeroo sanaatii abbaan warraa ishee maatii isaa waliin ta'uun miidhaa qaamaa fi xiin-sammuu irraan ga'aa yoona ga'aniiru.
Yakka kanaan walqabatee abbaa manaa ishee fi miseensota maatii isaa torba irratti gaafa Bitootessa 7, 2023 himannaan banameera.
Miseensi poolisii buufata poolisii Vishrantwadi Inispeektar Dattaatiray Bapikaar akka jedhanitti, shamarreen kun bara 2019 heerumtee bara 2021 dararaan irra ga'uu mana murtiitti himattee turte.
Garuu abbaan warraashee fi haati isaa waan ishee doorsisaniif himannaa sana adda kutte.
'Dhiiga kiyya ruppii kuma 50tti akkan gurgur na dirqamsiisan'

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin kun wayita laguu irra turtetti guyyaa sadiif nyaataa fi bishaan malee akka turtu taasifamtee, dhiigi ishee walitti kuufame.
Isa booda maallaqa biyyattii- ruuppii 50,000 yookiin doolaara 500'tti gurguran.
Dhiigni dubartii kanaa sababa toshaa yookiin maajikii tolchuuf akka gurgurametu himame.
Indiyaatti sirna awwaalchaa wayita reeffa namaa guban raawwatamu keessaa tokko dhiiga dibuun mul'isuudha. Kanaafis dhiiga isa dhugaa namarraa fuudhuun baratamaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2022 baatii Hagayyaa keessa Feestivaala Waggaa gaggeeffamerratti taateen kun dubartii kanarratti raawwate.
Wayita sana dhiigi ishee akka gurguramu maatiin gurbaa murteessan.
Firoonni isaa dubartiin kun marsaa laguurra jiraachuu wayita waliin mari'atan dhageessee akkas jetteen: ''Dhaqii haadha warraa kee irraa fudhu.''
Abbaan warraashee garuu didee garaa itti jabaate.
Laguu dubartii daa'ima hin qabnee gurguruun ruuppii kuma 50 argachuu akka danda'u itti hime.
Isheen garuu ammallee diddus, dirqamaan waan fedhan raawwatan.
Insipeektar Dattaraya Bhapkar ,''Obboloonni abbaa warraa ishee bakka isheen hin jirretti dhiigashee fudhatanii gurguran. Kanaafis himatamaniiru,'' jedhe.
Akka poolisiin kun jedhutti dhimma kanaan walqabatee hanga ammaa namni to'annoo seeraa jala oole hin jiru.
Komishiniin dhimma dubartootaa bulchiinsa kanaa dhimmichaaf xiyyeeffannaa akka kennu himeera.
Pireezidantiin Komishinii dhimma Dubartootaa Rupali Chakankar dhimma kana itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu fi odeeffannoo kanaan walqabatu hedduu poolisiirraa argataa jiraachuu himan.












