Sa'ud Arabiyaatti dubartiin miidiyaa hawaasummaarratti 'aangawoota qeeqxe' waggaa 45 itti murtaa'e

Maxxanfame

Dubartiin lammii Sa'ud Arabiyaa taate tokko waan qeeqa qabu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansite jedhamuun hidhaan waggaa 45 itti murtaa'e jedhan aktivistoonni.

Manni murtii farra shororkeessummaa biyyattii dubartiin Noora bint saa'id al-Qahtaanii jedhamtu "intarneetii fayyadamuun duudhaa uummataa fi seera hawaasni ittiin bulu cabisite" jedhee akka itti murteesse gareen mirgoota namaaf falmu Dawn jedhamu ibse.

Angawoota Saa'udii qeequun alatti waanti biraa isheen goote odeeffannoon bal'aan hin jiru.

Dubartiin biraa tokkos fuula Tiwitara ishee irratti qeeqa barreessite jedhamtee Hagayya 9 hidhaan waggaa 34 itti murtaa'e.

Dawn'tti daayirektara qorannoo dhimmoota biyyoota Galoo Galaanaa kan ta'e Abdullah Alaoudh BBC Newshour waliin turtii taasiseen gareen mirga namoomaa US kun dhimma Qahtaanii kan dhagahe erga manni murtii murteessee akka tahee fi dhimmicha itti fufanii akka qoratan dubbate.

"Himata ishee irratti baname keessatti waanumti yakkaan ishee himachiisu hin jiru," jedha Abdullah.

"Himannni ishee irratti dhiyaate baay'ee bal'aadha. Seera farra shororkeessummaa fi farra yakka saayibarii miidiyaa hawaasaa irratti waa maxxansuun yakkamaa nama taasisu, fageenya irraa illee mootummaa qeequu nama dhorku, fayyadamu," jedha.

Abdullah akka jedhutti bara darbe irraa kaasee aktivistoonni dubartoota ta'an hedduu dhimmuma miidiyaa hawaasaa irratti barreessudhaan wal qabatee hidhamanii jiru. Namoonni kun hidhaan waggaa dheeraa akka itti murtaa'u sodaa qabu hima Abdullah.

"Mootummaan Saa'udii biyyoota lixaatif waa'ee mirga namoomaa dhimma isaa akka hin taane itti himaa jirti."

Gareen mirga namaaf falmu fi UK keessa buufate ALQST jedhamu Qahtaanin tiwitara irratti qeeqa barreessiteef qofa hidhamuu isheetti akka gadde ibseera.

"Akkuma sodaatame Saa'udii Arabiyaatti sarbamni mirga namoomaa hammaatee argaa jirra," jechuun itti dabalee dubbate.

Mootummaan Saa'ud Arabiyaa garuu yaada hin kennine.

Ji'uma Hagayyaa gara jalqabaa keessa Yuunivarsiitii Liidsitti barattuu PhD kan taate, Saalmaa al-Shebab hidhaan waggaa 34 itti murtaa'ee ture.

Saalman kan hidhamte Amajjii 2021 Saa'ud Arabiyaa deemteeti. Sana booda "namoota jeequumsa uumuu barbaadaniif deeggarsa gochaa turte" akkasumas "oduu sobaa maxxansaa turte" jechuun himatamte.

Saalmaa al-Shebab dubartii ganna 34 yoo taatu haadha ijoollee lamaati. Osoo UK dhaa gara Saa'udii hin deemin dura biyyattii keessatti jijjiiramni akka dhufuu fi aktivistiin beekamaan mootii Mohaammad bin Salmaanin hidhamee ture akka gadi lakkifamuuf waamicha gochaa turte.

Hidhaan Saalmaa irratti murtaa'e biyyattii keessatti hidhaa cimaa waggaa dheeraa aktivistiitti murtaa'e jedhamee amanamaa ture.

Amma immoo kan sana caalu hidhaan waggaa 45 Noora bint saa'id al-Qahtaanitti murtaa'ee jira.